Daldala

Daldala jechuun bittaa fi gurgurtaa meeshaalee namoota, dhaabbilee yookiin biyyoota jiddutti taasifamuudha.

Gama biraatiin immoo daldalli adeemsa omishaleen, omishtoota irraa gara fayyadamtoota bira gahuudha

Daldala
Daldaltoonni lama Jarmanii jaarraa 16ffaa
Daldala
Gabaa San Juan de Dios kan Guadalajara, Jalisco keessatti argamu

Daldalli yeroo jalqabaatiif meeshaafi meeshaa wal-jijjiiruun jalqabame. Fakeenya, Ashaboo sibiilaan jijjiiruu. Omisha gosa tokkoo isa biraatiinwal-jijjiiruu. Jalqabamuu daldalaatiif wantoota sababa ta’an. • Garaagarummaan omishaa jiraachuu, • Garaagarummaan teeknooloojiifi aadaan jiraachuu, • Argama Ji`oogiraafikaalaa, • Geejjiba mijaa`aan jiraachuufi • Tasgabbiin jiraachuu fa’a. Uummanni yeroo durii bakka adda addaatti meeshaalee naannoo isaanii jiran itti fayyadamaa turanii jiru. Addunyaa kana irratti uummanni omishaa hundaanuu ofdanda`ee hinjiru. Sababni isaas iddoo kamirrattiyyuu qabeenyi uumamaa bifa walfakkaatuun faca’ee hinargamu. Uummata qaroomina durii kanneen akka Misirii fi sulula Indus keessatti qoodama hojii eegaleera. Suuta suutaan hojiin suphee dhahuu, sibiila tumuu fi hojiin mukaa dhalateera. Haala kanaan, midhaan nyaataa oomishuu biratti waa hojjechuunis guddachuu jalqabe. Haaluma kanaan uummanni wanta nyaatamu mi’oota kanaan jijjiiruu eegalan. Akkuma uummanni jalqabaa kun aadaa fi qaroominaan fooyya’aa deemen fedhiin isaaniitis baay’inaa fi qulqullinaan dabaleera. Haalli kun immoo ummanni fageenya dheeraa akka deemaniif dirqisiiseera. Dhalachuun qoodama hojii fi fooyya’iinsi aadaa fi jireenya uummataa jalqabamuu daldalaaf bu’uuraata’eera

Tags:

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

PaarisArjentiinaaBurqataInjineriingiiBaakkoo TibbeeAanaa Digaluu fi XijjooYuuraanisSiidniiMootummoota GamtoomaniiSalamoon DannaqaaKeeyyataIndoneeshiyaaNaannoolee ItoophiyaaJi’oomeetirii jabaaAdurreeDhamsagaGrand CanyonMaqibsaQabbanbalaliiGamtaa AfrikaaMichelangeloSaayinsii HawaasaaQorannoo AfaaniiCiigooMicirjirtiiAlberti AnistaayinBaallii wal harkaa fuudhuu Me'ee BokkooBageemidirFakkaaftuuSardiidaa fi LukkuuRoobiiQurxumboocuqaaOromoo TuulamaaTarree urjiiwwan TuujaanSaayinsiiElemoo QilxuuWaaqeffannaaWalqabsiistuuAfaan OromooSafuuHeemeespheera lafaaHarargeeAppiliiUrjiiIfsuduudaaUjummoo dhiigaaJi'ooloojiiSheekkoo Leencaa fi Dhala NamaaAmbo (aanaa)BunaJimmaa RaareeHaawmiyaaAlleleGodina Baalee BahaaNarviiVacuumFeesbuukiiDooqaDaraartuu TulluuJimmaQoqqoodama ItoophiyaaFireenchi Giyaanaa--Gooftaa JaldooAmbo (magaala)Koloneeffamuu AfrikaaMaqaaHarree diidooAyooniiKutaa Hujeessaa Giddugaleessaa🡆 More