Chaaynaa Sheekkoo Gooftaa Jaldoo

Kutaa Chaaynaa tan Chuu jedhaniin takka keessatti manguddoo jaldeeyyii tiksuun jiraatu tokkotu ture.

Manguddoon kun fudraalee jaldeeyyiin sun bakka adda addaatirraa funaananii fidaniif nyaachuudhaan jiraata. Ummanni biyyaa manguddoo saniin akka afaan biyyaatti, Ju Gong(Goofta Jaldo) jechuudhaan yaamaan. Hoggayyuu ganama ganama jaldeeyyii san mooraa keessatti walitti qaba. Jaldeessa isa bulessa tahe keessaa filee ajajuudhaan warra hafe hogganee gaara dhaqanii akka fudraalee finaananii fidan bobbaasa. Jaldeeyyiin hundi matamatatti fudraalee guuranirraa dhibbeentaa kudhan jaarsa saniif fiduu amalfataniiru. Jaldeessi kana gochuu dadhabe ni reebama. Kanaafuu jaldeeyyiin baay'een seera kana guutuu dadhabanii yeroo hedduu manguddoo saniin hiraarfamu. Haatahu malee, tokkoon isaaniituu mormuudhaaf huxuchanii hin beekan.

Gaaf tokko garuu jaldeessi xiqqaan tokko, "Ofii mukkeen fudraa san kan dhaabeefi kan kunuunse jaarsichuma nu ergatu kanaa?" jechuun warra kaan gaafate. "Lakkii, inni hin dhaabne, mukkeen sun kan biqilanii guddatan uumamumaani." jechuun deebisaniif hiriyoonni isaa. "Ee hama! jaarsa kanaa malee mukkeen sanirraa fudraa guurrachuu hin dandeenyuu?" jedhee deebisee gaafate xiqqaan sun. "Ni dandeenya" jedhaniin. Jaldeessi xiqqaan gaaffii isaa itti fufuun, "Duuba maaliif harka jaarsa kanaa keessatti kufne? Maaliif isa tajaajiluuf dirqamne?..." jechuun osoo gaaffii isaa hin xumurin jaldeeyyii maraafuu dubbiin galteef.

Guyyuma kana halkan hoggaa jaarsi irribni isa fudhate jaldeeyyiin hundinuu mooraa itti hidhamanii jiraataniifi karaa gara san geessu diigan. Itti fufuunis fudraalee armaandura isaanirraa sassaabee walitti kuuffatee qabu hunda guurratanii fudhachuudhaan gaaratti galan. Lamuu manguddicha sanitti as hin deebine. Manguddochiniis beelaan miidhameeti du'e jedhama.

Tags:

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

MatimaAdaamaaSiilindariiOromoo BaarentuuJoordaanQorannoo AfaaniiKallachaAbuurraa AfrikaaKubbaa miillaaAllaattiiwanOduu DuriiWaldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi TuulamaaNadhii GammadaaMahaammad HasanRaajeffannooJarso (Hararge)Sirna DhuyyaaAbboomaa MitikkuuChiiliiLaa'osElektirooniksiiBaallii wal harkaa fuudhuu Me'ee BokkooWaliso (magaalaa)GujiiUltravioletGudayyaa BiilaaHarkaa fi harma muraa AanoleeHarkisooAdda Bilisummaa OromooSheekkoo Leencaa fi JaldeessaaBildimaa (halluu)Afran QallooRoobiiBaha ShawaaQeerransaJechamaHalluuHarargeeGudeeddiiOromoo MaccaaSirna narviiKonkolaataaMiilsaddeetooGoogleEshiyaaLibaanon459MunyuuqeeJaamboo JooteeAadaaGaaddiddeessuu AduuMarsaa seeliiAsallaaJaappaanOromoo TuulamaaBakar WaareeAteeteeHeeraa Mootummaa ItoophiyaaOromiyaaKumsaa MorodaaDurri diimaaDinquu DayyaasaaKoloneeffamuu AfrikaaXalayaaAyinaniiTarree Ciigoo Oromoo🡆 More