Oromoo Baarentuu

Baarentuu (ykn Baarentoo; (maqaa durii) Baraytumaa ) gosa Oromoo lamaan keessa isa tokko.

Gosti inni kan biraa Boorana. Gosti Oromoo Barentu nannoo Oromiyaa Bahaa keessa jiraata. Ummanni Baarentuu godinaalee Oromiyaa Harargee Bahaa, Harargee Dhihaa, Arsii fi Godina Baalee keessa jiraatu.

Waa'ee Baarentuu

Baarentuun ummata Oromoo yoo ta'u gosa Oromoo kan jalqabaa keessaa walakkaa ta'a (walakkaan inni biraa Boorana). Ummanni Baarentuu baayyinaan magaala keessa fi baadiyyaa keessa yoo jiraatan muraasni garuu horsiisee bulaa fi qonnaa aadaatin jiraatu.baarentun oromuma isaatti ni bonaa.

Amantii

Gara Godina Wallagga Bahaa fi Wallagga Dhihaa, ummanni baayyen amantii Piroteestaantii kana hordofan yoo ta'u, ummanni Shawaa Kaabaa, Shawaa Dhihaa, fi Shawaa Bahaa amantii Ortodoksii, Piroteestaantii, Islaamaa hordofu. Godinaaleen Baha Oromiyaa kan akka Harargee Bahaa, fi Harargee Lixaa keessatti ummanni baayyeen, naannoo dhibbeentaa 98.5% kan ta'u, amantii Islaamaa hordofa. Harargeen Oromiyaa gara bahaa achi fagoo waan jirtuuf, kunis ollaa ummata Sumaalee kana Ogaaden keessa jiraatu fi kibba ummata Affaar kan Mootummaa Naannoo Affaar keessa jiraatu waan ta'eef, ummanni Sumaalee fi Affaar ummata Afrikaa keessa jalqaba amantii Islaamaa fudhate waan ta'ef, Oromoon Harargee baayyeen amantii Islaamaa fudhate. Ummatni muraasni godinaalee Arsii fi Baalee keessa jiraatu ammallee amantii Oromoo kan durii Waaqa tokkichatti kan amanu yoo ta'u, ummatni baayyeen garuu amantii Islaamaa hordofu. Ummanni amantii aadaa Oromoo Waaqatti amanan baayyen isaani gosa Booranaati.

Qoqqoodama

Ummanni Baarentuu/Baarentumaa qoqqooddama armaan gadi qaba (qoqqooddamni tokko deebi'ee mataasaatti qoqooddamuu danda'aa):

  • Oromoo Walloo, Oromoo gara kaaba ol fagaatee jiraatu, kan baayyinaan Naannoo Amaaraa Godina Oromiyaa keessa jiraatu. Oromoon Walloo gara kabaatti hanga Haroo Ashangeetti ol fagaatee kan jiraatu yoo t'u, Oromoon Raayyaa fi Oromoon Yajjuu as jalatti ramadamu.
  • Oromoo morowa (Ittuu) kan naannoo Oromiyaa keessa Laga Awaash fi kibba Dirre Dhawaa gidduu jiraatu
  • Oromoo Karrayyuu, kan sulula Awaashi keessa godina Shawaa Bahaa fi Harargee Dhihaa keessa jiraatu
  • Oromoo Aniya, kan kibba Ituu fi dhihaa Laga Erer jiraatuu
  • Oromoo Afran Qalloo, kun Oromoo Qalloorraa dhalata afur yoo ta'an, isaanis:
    • Oromoo Ala, kan magaalaa Harar gara dhihaa jiraatu akkasumas naannoo Laga Erer
    • Oromoo Oborraa , kan Oromoo Ituu fi Oromoo Ala gidduu jiraatu
    • Oromoo Baabbilee , kan baha Laga Erer jiraatu
    • Oromoo Daagaa (Huumee, Noolee, Jaarsoo):
      • Huumee (), kan Laga Laaftoo fi Faafam gidduu jiraatu - magaalan guddoon isaani Gursumi
      • Oromo Noolee , kan baha Dirre Dhawaa fi kaaba Harar jiraatu
      • Oromoo Jaarsoo , kan fiixa kaaba-bahaa Oromiyaa keessa jiraatu

Morowa,tokko dhablee Ittuu, Ittun sagal dhale

1.babboo 2.gadullaa 3.bayyee 4.affur gaallan,(momajii,elale,libban) 5.arojii 6.adayoo 

==Wabii==madda abbaa gaddaa yayaa ummar

Tags:

ArsiiBooranaGodina BaaleeHarargee BahaaHarargee DhihaaOromiyaa

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

MaqdhaalaOromoo TuulamaArsiiHimaTarree Hiibboo OromooJi'oorjiyaaSaayikoloojiiAdmaasuu BiraanuuFakkaaftuuFaaruu OromiyaaDaawud IbsaaAbbabaa AbbishuuIsiraa'elMaxxantuuRog-sadeeFIFAUsmaayyoo MusaaKompitaraNaayilArmeeniyaaSagaleeIngilaandiIswiidinQoqqoodama OromooTarree urjiiwwan TuujaanDhiigaAbaabooSafuuJarmaniiAsteer GannooNiijerGuutamaa HawaasMarqaaIfsuduudaaChatGPTDega (woreda)Sirna-BiiftuuGadaaKeeyyataAfran QallooSirna Diriiroo Ko’oordineetotaaTarree Mammaaksa OromooKubbaa miillaaSadan SooddooBalee GasgaarSiiqqeeOrtodoksiiJaarraa Abbaa GadaaDinagdeeSheekkoo Leencaa fi Dhala NamaaNarviiPoorchugaalGodina GujiiIslaamaaHorroo GuduruuAbuurraa AfrikaaJimmaa RaareeMaqaa Ji’ootaOromoo MaccaaBaatiriiNaannoolee ItoophiyaaBulgeeriyaaLeencaa fi Dhala NamaaMesopotaamiyaaTarree Eebba OromooTarree TuujaaIslovaakiyaaWaalgaa🡆 More