Harargee Dhihaa: Ciroo

Hararghe Dhiha (West Hararge) godinaalee Oromiyaa kudha laman keessaa tokko yoo taatu, maqaan kunis maqaa durii kutaa biyyaa Harargee irraa dhufe.

Harargee Dhihaa
Biyya: Itoophiyaa
Naannoo: Oromiyaa
Magaalaa Guddaa: [[{{{Magaalaa Guddaa}}}]]
Baayyina ummataa: 1,871,706
Tuuta'insa ummataa: 124.23

Harargeen dhihaa kibbaan Laga Shabalee kan godina Baalee irraa gargar baasuun, kibba-dhihaan godina Arsiin, kaaba-dhihaan naannoo Affaar, kaabaan naannoo Sumaalee, bahaan godina Harargee Bahaatiin daangeffamtee argamti. Bakki dheerina guddae qabu godina kanaaa Gaara Muktaar. Magaalan beekamoon godina kanaa Ciroo, Baddeessaa,Hirna,Galamsoo, Machaaraa fi Mi'eessoo dha.

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority) akka gabaasa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa irratti hundaa'e akka ibsetti bunni toonii 8,364.00 ta'u bara dhumaa 1997 E.C. (2005 G.C.) irratti akka Harargee dhihaati biqile ibseera. Kun immoo baasii Oromiyaa keessaa dhibbantaa 7.27% yoo ta'u, baasii biyya (Itoophiyaa) keessaa immoo dhibbantaa 3.7% ta'a.

Gabaasa

Gabaasa Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa irraa bara 1997 E.C. (2005 G.C.) akka ibsutti, godinni kun tilmaamaan baay'ina ummataa 1,787,086, yoo qabaatu kan kessa 915,138 dhiraa yoo ta'an kan hafan yokan immo 871,948 immo dubraa dha. Bayyina ummata oliitii ibsame keessa dhibbantaan 9.6% yookaan namni 171,598 baadiyyaa ala jiraatu. Ballina lafa tilmaamaan 17,552.23 km2 ta'u keessatti "density" (rukkina) ummata Harargee dhihaa tilmaamaan 101.82 people per square kilometer ta'a.

Akka Baankii Addunyaa memorandamii Caamsaa 24, 2004 G.C. akka ibsutti, Parsentiin 9% jirattotta Harargee Dhihaa elektiriikii ni fayyadamu, akkasumas "density" karaa konkolaataa godina kanaa 23.6 kilometers per 1000 square kilometers yoo ta'u (kunis yoo kilometer 30 biyya wajjin yoo walitti madalaan) , akkasumas avregiin abba mana badiyya tokko hektara lafa 0.5 (kunis hektara lafa biyya 1.01 fi hektara lafa Oromia 1.14 wajjin yoo walitti madalamu, akkasumas avregiin abba mana baddiya tokko mataan horii mana hanga 0.6 qaba. Persentiin 16.4% ummatta, namotta qonaa malee jiratan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya persenti 25% fi kan Oromiyaa 24% wajjin yoo walitti madalan. Ijoollee barachuu danda'an kessa persentiin 55% mana barumsa sadarka tokkoffati galma'ani argamu, akkasumas persentiin 8% mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti galmaa'anii argamu. Dhibbantaan 92% godina kanaa busaa malariaf banaa kan jiran yoo ta'an, tokkoleen Tsetse flyiif banaa miti. Memorandamiin zonii kana risqii qilleensa gogga (drought) qabachun qabxii 372 kenaf.

Bulchaan ummata Oromiyaa guyya 25 Caamsa 2006 G.C. akka ifaa godhetti hojji bishaan dhugaatii ta'u baasuu 429 ta'u dhumachutti akka jiru fi hojii bira geggefamu jiran wajjin yoo walitti qaban, bishaan dhugaatii ta'u jiraattota hanga 72,300 ta'anif kan ba'u yoo ta'u, kunis persenti 37% hanga 47%f tajaajila bishaanii kenna.

Wabii


Godinaalee Oromiyaa
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa


Aanolee Harargee Dhihaa
Ancar | Magaalaa Badeessaa | Bookee | Magaalaa Ciroo | anaa Ciroo | Daaroo Labuu | Doobba | Gammachiis | Gubbaa Qorichaa | Habroo | Qunnii | SHanan Dhugoo | Mi'eessoo | Tuulloo Burqaa dhimtu|guunbii boridoddee|iddowan hawatoo taa,an akka garra Mukutar holqa waraabeesa,parkii Saphaale

Tags:

HarargeeHarargee lixaOromiyaa

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

SaayippiresTaaksonoomii ykn xinramaddiiKallachaLammaa GuyyaaSirna Argama AddunyaaAbbaaduulaa GammadaaMoshchenaMarqaaAlkeemistiicha (asoosama)TiyaatiraAdda Bilisummaa OromooDinagdeeGodina GujiiAartii OromooHiibbooNagallee BooranaaQananiisaa BaqqalaaBageemidirBiqilaaAbiishee GarbaaAbboomaa MitikkuuGammachuu MagarsaaYandiiAfaan IngiliishGareen kubbaa miilaa biyyaalessaa ItoophiyaaArsiiDirree DhawaaCumbooQur'aanaAteeteeTsunamisOromoo ItuuSararran GadeeHalluuAfaanMaddarroo(molakiyulii)Zalaalam AbarraaTarree Jechama OromooOgbarruuTeeknooloojiiTorobbiiCaaccuuGeerarsaBurkaanaGaaddiddeessuu AduuLeencaOromoo WallooEeshiyaaMeeyoosisiiMaqaaHeelleeIlfinash QannooFuula DuraAsoosamaBaqqalaa GarbaaPaakistaanMaqaa Ji’ootaGaaleeTokkummaa Koonyootaa AmeerikaaTarree Ciigoo OromooAmeerikaasLafa SidaamooIslaamaaKafaaChaayinaaAfoolaQaalluuLammaa MagarsaaWaldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa🡆 More