๐ฎ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐
Ciigoo | Sabbooqoo | Sorgoo | Sookoo |
---|---|---|---|
Nuu sifoofnaan hunduu nyaachuu maal qabaree Garuu garuu hunda caala kan barbaree. | kan barbaree | Nyaanni barbaree qabu nimiโaawa | Kan bara beeku hunda caala |
Miโa baate malee ofii nama hin hubuu Bakka geessu hin beeknuu inni abbaa hin qabuu. | abbaa hinqabu. | Mini/meeshaan sun kan eenyu akka taโe hin beekamu/ | abbaan isaa dhalche hin beekkamu |
Hojjaa hin bulchiinaa mee fixaa bayeessaa Waayaas mimiiccadhaa bareechaa addeessaa. | Addeessaa | sirriitti qulqulleessaa miiccaa | galgala taโullee Addeessi jira |
Daadhiis taโe farsoo hundarraa of eegaa Qulqulluu bishaanii isa wayya dhugaa. | isa wayyaa dhugaa | bishaan dhuguutu filatama | haqa ( dhugaa) wayyaa |
Osoo waa hinnyaatin torban guute agabuu Hojjedhee akka hinnyaanne anuu quba hinqabu. | quba hinqabu. | qaamni koo hirโuudha | Odeeffannoo hinqabu ( hindhageenye) |
Cululleen saamtuudhaa yaada hinqabdu fayyaa Ani ishee hineeguu sinbirallee wayyaa. | Ciigooย : sinbirallee wayyaa | Cululleerra sinbirroo wayya | Isin wajjin ( isin bira wayya) |
Ani buna hindhugu garaa kutaadheera Buna kee lammaffaa egaa kakadheera. | lammaffaa | Buna barakaa hindhugu | natti hindeebiโu |
Yeroon ani xiqqoo hawwii koo kan ture Amma naaf guddattee magaalaa Naqamte | Naqamte | Magaalli Naqamtee guddatte | magaala keessatti naqamte |
Ishiin si jaalatti ati maa jibbita Intala ulfeessi yaa gurbaa ulfaataa | ulfeessi | kabaji | Ulfa godhi |
Yoo facaasuuf lafa babbaqse Balleessumaaf jedhee ija qabee cabse | Ija qabee cabsuu | arge | |
Hojjettee hin-nyaattuu duraan maaliif hatta Abbaan sangaa dhufee amma akkam kee taata? | abbaan sangaa | Nama sangaa qabu | dhukkuba abbaa sangaa jedhamu |
Asis jenne godaas hinarganne. Ishee qarree gamaa gaafadhaa jedhamne. | qarree | Ishee gama jirtu | durba |
Aadaa osoo beektuu fuullee namaa kaatti Kaleessa hinhafnee harโas kunoo nidhufti | Nidhufti | Har'as deebitee dhufte | Dhuufuu dhuufte |
Bara baraan kan dhageenyu sirbumasaa Nimiidhagaa afaan isaa | afaan isaa | dubbiin/qooqni isaa ni bareeda | |
Kan akkas bariidhaan kaate Mucaan sun simbira taatee. | simbira taatee | Gosa hallatti-simbiraa | Isiin bira dhuftee |
Erga bokkaan roobee caamee Namni loolaan dhume. | Loolaan dhume | Namni lolaa roobaatiin miidhame | Namni Waraanaan dhume |
Silaa raammoo miti yoom bahee mulโataa Suuta suuta jedhee gurra nama nyaata. | |||
Maaluma haataโuuf kana funaannattaa Mana kanaa baasaa eenyu fedha gataa | |||
Gurraaf taati jettee meetii gabaa bittee Isallee hanqattee lafa teessee haftee |
๐ฎ๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Tarree Ciigoo Oromoo, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.