Oromiyaan kutaalee biyti Itoophiyaa jedhamtu qabdu saglan keessaa tokkodha.
Ballinaa lafa bahaa hanga kibba-dhihaa biyya keessatti 600,000 km² ta'ee qabatee, baayyinaa ummataa tilmaamaan afurtamii shan (45) qabdi, kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyyaa Ityoophiyaa jedhamtu keessaa tokkofaa ishee tasisaa. Isheenis kan ofii keessa qabduu: kutaa Arsii, Gujii, wallagga, Baalee,Boorana,Shawaa, Harargee, Iluu Abbaa Booraa faa qabdi. Magaalaan guddoon Oromiyaa durii Finfinnee yoo tatuu, cuunqunsaa sirnoota darbeeti gara Adaamati akka jijjiraamtuu taasifame turee.
Garuu bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebbite. Magaallan gugguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagallee Gujii,Bulee horaa, Naqamtee, yaabal'oo( yaaballo) Shaashamannee fi Walisoo dha.
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Lafa Gujii, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.