Afoola

Afoolli ( Afaan Ingiliish: folklore) jecha dhalootaa dhalootatti afaaniin darbaa dhufeedha.

Ummatni duudhaa, aadaa, muuxannoo, mudannoo seenaa fi dhimma hawwaasummaa ogummaa bohaarsuu, dubbachuu fi weeddisuun dhaloota dhufuuf kan ittiin dabarsuudha.

Afoola

Afoolli ( Afaan Ingiliish: folklore) jecha dhalootaa dhalootatti afaaniin darbaa dhufeedha.

aAfoolli amaloota hedduu qaba. Isaan keessaa kanneen bu’uura ta’an: uummatummaa, hurruubummaa, lufummaa, jijjiiramummaa, miidhagummaafi yeroonfaan ni argamu.

Ummatummaa

Afoolli qabeenyaa uummataati. Akka kitaabaa abbaa barreesseen hin waamamu. Fakkeenyaaf mammaaksa tokko yommuu mammaakan, “akka Oromoon mammaaketti yookiin Oromoon yommuu mammaaku”jedhanii himu. Oromoon immoo nama tokko miti. Ummatadha. Gama biraatiin Afoolatti kan fayyadamu nama tokko miti. Kan kunuunsus akkasuma. Kanaafuu uummatni waliin itti tajaajilama; waliinis eeggata. Kunimmoo ummatummaa jedhama. Hurruubummaa

Hurruubummaan haala wal duraa duubaan dhiyeenya afoolaa gochaan dhiyaatuudha. Afoolli nama tokko qofaan hindubbatamu. Gareewwan aadaan, amantiin, haala jireenyaatiin walfakkaataniifi waliigaluu danda’antu keessatti hirmaata. Tokko yoo dubbatu kanneen biroo immoo nidhaggeeffatu. Finnegan (1970:2) “Hurruubummaan amaloota afoolaa keessaa isa bu’uuraa ta’ee dhimma raawwii afoolichaa gadi fageenyaan hubachuuf wanta darbu caalaa akkaataa hirmaattonni miira isaanii sochoosanii agarsiisan wal faana ilaaluu qabna” jetti.

Lufummaa

Afoolli hojii dhaloota tokkorratti dhaabbatu yookiin dhumatu miti. Dhalootaa dhalootatti ni daddarba. Afoolli dhaloota irraa dhalootatti karaa lama daddarba: haasaa afaaniifi gochaan.Afoola kan dhalootaa dhalootatti dabarsan miseensota hawaasaati. Yaaduma kana Wasanee (2008:164) “Haalli afoolli tokko dhalootaa dhalootatti darbu lufummaa jedhama” jedhee ibsa.

jijjiiramummaa

Afoolli jijjiirammummaaf baayyee saaxilamaadha. Afoolli calaqqee uummataa dhalootarraa dhalootatti kan darbus afaaniin waan ta’eef jechoonni miidhagoon keessaa hafuu ykn itti dabalamuu danda’u. Hawaasni immoo dinagdeen, siyaasaan, haala jiruufi jireenyaan jijjiiramuu waan danda’uuf afoolli ni jijjiirama Wasanee (2008:167).

Miidhagina

Miidhaginni afoolaa kan madde itti fayyadama malleen dubbii adda addaa irraati. Miidhaginni haala afoolli sun miira sammuu ilma namaa hawwachuu danda’uun dhiyaachuu isaa mul’isa. Wasaneen (2008:168) “Miidhagummaan haala afoolli sun itti faarfamu ilmaan namaa hawwachuu danda’uun dhiyaachuu isaa mul’isa” jedha.

Yoomessaan walqabachuu

Gosti afoolaa tokko hojiirra ooluuf yeroo murtawaa barbaada. Bakki, yeroofi haalli keessatti ni argamu. Bakki itti dubbatamu, yeroon itti dubbatamuufi haalli inni itti dubbatamu murtawaadha. Bakka hundatti yeroo hunda haala tokkoonis hindubbatamu. Yoomessi dhugaa qindeeffama afoolaa hedduu jiran hunda osoo ilaalamee, hundumtuu bakkaafi yeroo itti raawwatamu kan mataasaa ni qaba. Dorson(1972:45).

Faayidaa Afoolaa

Afoollii seenaa, duudhaa, yaadaa fi beekkumsa hawaasaa dhaloota tokkoo isa birootti dabarsuun alatti tajaajila hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni haala yeroo ibsuu, hir'ina jiru qeequu, honnachiisuu, boharsuu, barsiisuu fi miliqsuu dha.

Akaakuu Afoolaa

Gosoota afoolaa ummatni Oromoo bal'inaan fayyadamu kanneen armaan gadiiti.

Wabii

Tags:

Afoola Amaloota aAfoolaAfaan Ingiliish

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

FunyaanKaartaaGudeeduBuno BaddalleeTiyaatira OromooRobart MugaabeeAfoolaIraaqAbiyyi AhimadOromoo WallooGarba PaasifiikShaashamanneMooltaaGaliiliyoo GaliiliiNASABakkalchaSheekkoo Leencaa fi Dhala NamaaIsiraa'elHawaasaFaaruu OromiyaaAbiishee GarbaaJabajjii Kedeedaa(Computer hardware)KeeniyaaTigist MaammooKiraayosfeeriiBudizimiiElectromagnetic radiationTapha ijoolleeLafaAbbabaa AbbishuuNaqamteSheekkooAppaartaayidiiSeermurtooDhaamjechaJimmaXurree AannannooShrekHibbooQubee Afaan OromooXiinjireeWalqunnamtii saalaaSeenaa GibxiiIinterliinguwaaHarargeeDhamsagaAbbabaa BiqilaaSokorruuWiikiipiidiyaaEebbisaa AddunyaaAdda Bilisummaa OromooJajjaboo sabaaWallaggaTarree chaanaalota televijinii Afaan OromooGochibsaRukkinaJimmaa RaareeSeenaaBokkuuGimbiiChaarjiiErnesti RaazerfoordiTokkummaa Koonyootaa AmeerikaaSanyiiAafrikaa KibbaaHelikoopteriiIraan🡆 More