Tarree Eebba Oromoo

Eebba dhimmaa ayyaanaaf Waaqa kadhatanii fi galata galchanii ittiin jalqaban ykn xumuraniidha.

Eebbi gaafa akka muudaa, irreechaa, gaa'elaa, duulaa fi araaraa ni raawwatama. Eebba kanas kan eebbisuu manguddoota umuriidhaan ykn hidda dhalootaan hangafa ta'aniidha.

Kutaaleen Oromoo hundinuu qabiyyee fi haala eebbaa adda addaa qabu. Eebba Booranaa qaamolee hawaasaa, mukeen, looniifi lafa hundaayyuu dabareedhaan caqasuun “nagaa” kadhataaf. Macci immoo balaawwan dhufuu malan yaadachiisuun Waaqni akka oolchu kadhata. Oromoon Gujii ammoo kan Tuulamaa fi Booranaa giddu-gala taasifachuun Waaqaa fi Nagaa walitti qabee waammata. Walumagalatti, bakkeen adda addaatti eebbi akka garagaraan dhiyaata.

Eebba lataa Oromoo fi eebba waqtiilee adda addaatti godhaman muraasni armaan gadi tarreeffaman.

Eebba Waaqeffanna

Waaqa gurraacha
Gurraacha garaa garbaa
Leemuu garaa taliilaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
Waaqa Bokkuu gurraachaa
Waaqa Ciicoo gurraattii
Waaqa uumee Walaabuu
Waaqa sagaltama gabraa
Waaqa salgan Booranaa
Waaqa torban Baarentumaa
Waaqa Caffee tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromoo!
Nagaan nu oolchitee, nagaan nu bulchi
Irraa gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi
Daafii sababii nu oolchi
Hamaa nurraa qabi, tolaa nutti qabi
Uumaan si kadhannaa, nuu dhagahi
Xiqqaa nuuf guddisi, guddaa nuuf bulchi
Wallaalaa nuu beeksisi, beekaa keenya nuuf bulchi
Alaa mana nu tiksi
Bakka nu wallaalle Waaqa ati itti guuti!
Barri Roobaa nagaa
Gadaan quufaa gabbina
Gabbisi Waaqi!

Hayyee! Hayyee! Hayyee
Waaqa Uumaa, Waaqa Uumamaa
Waaqa Burqaa Walaabuu
Waaqa Sagaltama Garbaa
Waaqa Salgan Booranaa
Waaqa Torban Baarentummaa
Waaqa Ciicoo Gurraattii
Waaqa Caffee Tumaa
Waaqa Shanan Gadaa
Nagaan nu oolchitee
Nagaan nu bulchi
Daafii galtee nu baasi
Irraa gora nu baraari
Dogoggora nu oolchi
Uumaa kadhannaa nuuf haadhaga'uu
Waaqni hamaa nurraa haaqabu
Tolaa nutti haaqabu
Xinnaan haaguddatu
Guddaan haabulu
Wallaalaan haabeeku
Beekaan haabulu
Kormi cirrii haata'u
Rimaan haphee haata'u
Rooba nagaa haaroobu
Qilleensa hamaa nurraa haaqabu
Gadaan roobaa naga'a
Barri quufaa gabbina.
(Gabbisi Waaq!)

Eebba Cidhaa

Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miillaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa lo’aa ta’aa
Gannaa fi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaa fi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaa fi mataa ta’aa
Akka biiftuu aanga’aa
Akka qorsaa ifaa
Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’aan isin hin fixin
Madda Walaabuu ta’aa
Waraabaan isin hin fixin
Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in
Bona ongee baraaraamaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama horaa
Kan hortanii wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba gosaatii,
Qabatee isin biraa hin hafin
Dhallaaduu lagarraa tahaa
Baattoo jaldeessaa tahaa
Eessumni gaarii dhalatee gidduu haa marmaaru
Arrii waliin filadhaa
Na hoofkalchaa

Eebba Tuulamaa

Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee!
Waaqa uumaa Waaqa uumamaa
Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu
Waaqa sagaltama garbaa
Waaqa salgan Booranaa
Waaqa torban Baarentummaa
Waaqa Bokkuu Gurraachaa
Waaqa Ciicoo Gurraattii
Waaqa Caffee Tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromoo
Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi
Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii
Kan faantii lafaan lolte
kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi
Irraa-gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi,
Hamaa nurraa qabi
Tolaa nutti qabi,
Xiqqaa nuu guddisi
Guddaa nu muldhisii/bulchi
Waan qabnuun nu bulchi
Rooba nagayaa roobi
Baraa nagayaan nu basii
Gadaan roobaa nagayaa
Barri quufaa gabbina

Eebba Booranaa

Ardaan nagaa……….........................................Nagee
Bobbaan nagaa....…….................................….Nagee
Barri nagaa………...............……......................Nagee
Waareen nagaa……….....................................Nagee
Waariin nagaa………...........…….....................Nagee
Reerii nagaa…………….......….....................…Nagee
Dheedi nagaa…………...........…......................Nagee
Yaa’iin nagaa……………...................…...........Nagee
Kuubiin nagaa……...........................................Nagee
Raabi nagaa…………………...........................Nagee
Kuusaa goseen nagaa…….....................…….Nagee
Ijoolleen Kuuchuu nagaa…..............................Nagee
Dirreen nagaa……………...................…...……Nagee
Dirree dirri Liiban nagaa…...............................Nagee
Liiban Golbaa Diidi nagaa…....................…….Nagee
Malbee Golboon nagaa.....…...................…….Nagee
Saakuu waasoon nagaa…...............………….Nagee
Tulaa sallan nagaa………...........Nagee

Eebba Gujii

Ee…… Ati Waaqi Ardaa
Waaqi Abbaa
Ka Me’ee Bokkoo
Ka Dibbee Dhugoo
Ka Garba Aannoo
Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi
Dhageettu nuu Owwaadhu
Ta olii oliitti nu hanqisi
Ta gadii gaditti nu hanqisi
Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi
Barri nageya
Bariin nageya
Jaarsi nageya
Jaartiin negeya
Ilmi nageya
Intalti nageya
Ka fuudhu nageya
Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya
Bobbaan nageya
Tissaa uleen nageyaa
Elemaa gaadin nageya
Ardaan yaa’aa nageya
Me’een Bokkoo nageya
Duddaa daawwaan nageya
Sabbaa Oddoon nageya
Gooroon Doolaa nageya
Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya
Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.

Eebba Ituu

Abbaa badhaasi abbaa dhaas.. Leel
Taadhii............... ... Leel
Taadhii roobaa...... Leel
Bohaarsa barii....... Leel
Haadha nagayaa... Leel
Biyyii nagaa............ Leel
maatiin nagaa........ Leel
Hoo waqni jee'e hoo waqni jee'e
Horaa bulaa deebanaa

Eebba Maccaa

Na oofkalchaa…………………..............................oofkalaa
Na oofkalchaa…………...……..........................….oofkalaa
Na oofkalchaa………...………...........................…oofkalaa
Waaq nagaan bullee nagaan nu oolchi ...............nu oolchi
Hamaan gargar nu oolchi ....................................nu oolchi
Irraa gora nu oolchi ..........................................…nu oolchi
Dogoggora nu oolchi............................................nu oolchi
Citiin sadii citii sadan nu oolchi............................nu oolchi
Citii waraanaa nu oolchi......................................nu oolchi
Citii waraansaa nu oolchi ...................................nu oolchi
Kan caamee goggogsu nu oolchi.......................nu oolchi
Kan roobee tortorsu nu oolchi............................nu oolchi
Walbira oolchii nu bulchi....................................nu bulchi
Waliigaltee nuu kenni……….............................nuu kenni.
Waliigalii nuu toli...............................................nuu toli
Sonii nuu roobi..................................................nuu roobi
Waan rooba keessa jibban nu baasi................nu baasi
Waan caama keessa jibban nu baasi..............nu baasi
Egaa nagaya...................................................nagaya
Barri quufa
Gadaan gabbina gabbisi Waaq!
Kan ati jette tolaadhaa tolaan nu haa ga’u .........haagahu
Bakkalchi bakkee haa ta’u ................................haa ta’u
Bakkeen nagaa haa ta’u ...................................haa ta’u
Qorroon dibdibbee haa ta’u ..............................haa ta’u
Dhiigni dhallaadduu haa ta’u.............................haa ta’u
Adamoon deettii haa ta’u ..................................haa ta’u
Duulli dannaba haa ta’u.....................................haa ta’u
Rimaan haphee haa ta’u ....................................haa ta’u
Kormi cirrii haa ta’u............................................haa ta’u
Dhugee haa booressu .....................................haa booressu
Dheedee haa barbadeessu..............................haa barbadeessu
Booruun gabbina haa ta’u................................haa ta’u
Barbadaan suga haa ta’u ................................haa ta’u
Dhugaan tulluu haa ta’u ..................................haa ta’u
Dharri sulula haa ta’u ......................................haa ta’u
Anaaf sihii hin maqsin .....................................hin maqsin
Kan ormi maqe nu hin gahin............................hin ga’in
Bakka hir’ate Waaqni itti haaguutu…………....haa guutu.
Egaa nagaya ..................................................nagaya
Haleele………............................................…..Diina haleeli!
Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!.....................Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!

Eebba Karrayyuu

Miinya tahi!………………………..........ziz
Foduu tahi!………………………..........ziz
Alalaasi!…………………………….......ziz
Alaa gali!………………………….........ziz
Oli reebi!……………………………......ziz
Maatii raaphu!…………...………….....ziz
Gadi reebi!…………………………..…ziz
Karra raaphu!……………………….…ziz
Adaboon gooba!.………………….......ziz
Goobni geerarsa!……………………...ziz
Hurrubni Mirga!………..………….......ziz
Dirreen Dannaba!……...……………..ziz
Simoo ta’i! ………………………….....ziz
Sin simin!……………………………....ziz
Dandoo ta'i! ……………………..........ziz
Sin danda'in! ……….………………....ziz
Doobbii ta'i! …………………...……....ziz
Diina gubi !………………………….....ziz
Guchii ta'i !……………………….........ziz
Baalaan booni !….…….……………...ziz
Citaa ta'i! …………………………......ziz
Gurmuu baasi! ……………………….ziz
Daddaraari! ……………..……………ziz
Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz
Babbaroodi .………………………….ziz
Cibraa dhoosi ……..…………………ziz
Gaara ta'i! ...................………………ziz
Itti jigi!……....................……………...ziz
Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz
Bal'adhu!…………..…………………..ziz
Fantaallee ta'i!..……………………….ziz
Mul’adhu!......................………….......ziz
Qabadhu!...........................................qabadhu!

Eebba Arsii

Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa
Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa
Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa
Faatee waaqni dhagahi............. Dhagahi
Lafti sii dhagahi.......................... Dhagahi
Gadaan dhagayi.......................... Dhagahi
Gadaamoojjiin dhagayi............... Dhagayi
Dhibbi dhagayi............................. Dhagayi
Dhibaayyuun dhagayi................. Dhagayi
Gadabitti nu galchi.................... Galchi
Gadaa nu hulluuqsisi................ Hulluuqsisi
Waraana qaqeessi.................... qaqeessi
Oromoo qaqatti nuu bulchi......... bulchi
Doloolloo yaasi............................. Yaasi
Yaa’aa gabbis................................ Yaasi
Jinfuu tuuli.................................... Tuuli
Tuulaa diinaa diigi........................ Diigi
Oromoo biifaa si godhi................. Si Godhi
Biiftuu ganamaa si godhi.............. Si Godhi
Ejersa gaaraa si godhi.................. Si Roobi
Korma nyaaraa si godhi............... Si Roobi
Bokkaa sii roobi..................... Sii Roobi
Bokkuu sii moosisi................ Sii Moosisi
Laftana ititi............................... Ititi
Itittuu nu obaasi........................ Obaasi

Tags:

Tarree Eebba Oromoo Eebba WaaqeffannaTarree Eebba Oromoo Eebba CidhaaTarree Eebba Oromoo Eebba TuulamaaTarree Eebba Oromoo Eebba BooranaaTarree Eebba Oromoo Eebba GujiiTarree Eebba Oromoo Eebba ItuuTarree Eebba Oromoo Eebba MaccaaTarree Eebba Oromoo Eebba KarrayyuuTarree Eebba Oromoo Eebba ArsiiTarree Eebba Oromoo

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

Rooba DaayimandiiOdeeffannooSaayikoloojiiIndiyaaGudeeddiiAwustireliyaaFayyisaa LeellisaaGaaddiddeessuu AddeessaaEebba WaaqeffannaaFiiziksiiJibuutiiLimmuu fi BilbilooJaldu (aanaa)Loqoda BooranaaLakkoofsa IntiijariiMotummoota GamtoomaniiSeenaa OromooTarree Mammaaksa OromooMobileArkiyooloojiiBaacooGoogleBakar WaareeOg-barruuOromoo BooranaaVeetinaamHarargeeOromo WallagaFalaasamaMaqaa Ji’ootaLaa'osGeexee WaamiiAgarii TulluuAbuurrraa Ji’oogiraafawaaFiraansiDAwurooppaaAfaan ArabaaBiffiisaGeerrarsaAfrikaaAdda Bilisummaa OromooLimmu (aanaa)Muhaammad ZaakirUsmaayyoo MusaaBarbaree (aanaa)LituheeniyaaMicirjirtiiMararaa GuddinaaOostiriyaaHeeraa Mootummaa ItoophiyaaTarree Aanolee OromiyaaOduu HarraaMoyyaalee (aanaa)JimmaDhamsagaGaaddiddeessuu AduuAllaattiiwan--XalayaaKaappaasiteriiHaroo LimmuuKubbaa miillaaNaannoo TigraayNyaata aadaa OromooBirsagaSeenaa jireenyaaLakxii🡆 More