Sheekkoo Leencaa Fi Dhala Namaa

Bara durii leenci tokko osoo bosona keessa deemuu daa’ima saamtonni haadhaafi abbaa irraa ajjeesan tokko argatee gara mana jireenyaasaatti fudhatee gale.

Sana booda lafeedhuma ofii nyaatuufi lafeefi waan dhugamu obaasee guddise. Mucaan sun erga guddatee booda dhala namaatti maxxanuu jalqabe.

Adeemsuma kanaan namoota wajjin yaada waljijjiiruu jalqabe. Achumaan, “Silaa ati ilmoo namaati, akkamitti bineensa bosonaa waliin jiraachuu dandeesse?” jedhanii gaafannaan anaaf abbaa kooti; reeffa abbaa koofi haadha koo jidduudhaa kaasee na fudhatee galee kan naguddise, abbaan koo kanan akka lubbuu kootti jaaladhu isuma. Kanaafuu, anis gara abbaa koottan galaa isinis nagaan naa bulaa jedheenii gara mana ‘abbaasaatti’ gale.

Mucichi guyyaa sana yaa galuu malee hanguma namaan walargu waa’ee leenca wajjin jiraachuusaarratti gaafiin dhiyaataaf. Deebiinsaas sanuma ta’ee osoo jiruu guyyaa tokko galgala warri ati yeroo hunda gara abbaa koottan gala jettee leencuma kana wajjin jiraachuuf deemta. Hanga ammaatti waan badaa tokkllee irratti argitee hinbeektuu? jedhanii gaafannaan waan gaaffiinsaanii itti baay’ateef deebii tokko kennuuf dirqame. Kunis fedhii namootaa guutuudhaaf jecha, yeroo na hammatee rafu bobaansaa natti xiraaya malee waan badaa tokkoyyuu irratti argee hinbeeku jedheenii; jedhaa nagaan bulaa, ani nan galaa jedhee biraa bahe. Yeroo sanatti alli waan dukkanaa’eef namni hinargu, leencichi mana jala dhaabbatee dhageeffachaa ture. Erga mucichi bahee booda dura kaatee manatti galee eege. Erga mucaan galee, “Maal ilma koo eessa turtee dhufte? jedhee gaafate.

Mucaanis, “Asumaa osoon sanyii mukaa funaannadhuu natti galgalaaye,” jedheen. Achumaan, leencichis bakka mucaan ture waan beekuuf akkasumas waan inni jedhe hundumaa waan dhagaheef aaree eeboo manaa qabu fuudhee, “hoodhu na waraani!” jedhee mucaatti kenne. Achumaan mucaanis reeffa haadhaafi abbaa kootii gidduudhaa na kaastee naguddiftee ammaan na geessee. Aani ofan waraana malee akkamittan si waraana? jedheenii deebiseef. Achumaan mucaanis ajaja dirqamaa waan itti ta’eef, leencicha waraane. Leencichis erga waraanamee booda erga na waraantee hanga madaan koo fayyutti, wanta argatte mara natti funaanii na wal’aani jedheen.

Mucaanis tole jedhee, waanuma argate funaanee hanga madaansaa fayyutti wal’aane. Leencichis erga madaansaa fayyee booda ofitti waamee; ilaali, madaan ati eeboodhaan nawaraante fayye. Jechi ati gaafa sana mana fira kee teessee jette sun garaa kootii hinbaane. Ani guddisee si hinnyaadhu. Atis gara fira keetti. Anis bobaa koo xiraa’aa wajjin gara bosona kootii jedheenii gaggeesse jedhama.

Tags:

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

GabbaraMoolaaliitiiMarqaaInjineriingiiOromiyaJajjuu (aanaa)MattuuTarree Mammaaksa OromooFiraansiXaaliyaaniiDurbummaaABOGindabaratCaccabsaaMaleeshiyaaJi’oomeetirii jabaaRaagamtaaAfaanDarraaWNBAMootummoota GamtoomaniiMoogaa(Diamond)DNAGeerarsaAddeessaWaraana CalanqooSaayikoloojiiPaarkii Biyyoolessaa Gaarren BaaleeGaaleeBulee HoraaMalleen DubbiiAmbo (magaala)DhiigaFakkiiAbuuna PheexiroosFiiniksiiBaakkoo TibbeeWalqunnamtii saalaaWarrana Adunya 1GujiiLimmuu fi BilbilooGeerrarsaIlfataOromoo TuulamaaKaarbooniiIluu Abbaa BooraaGootfiriid Viilhelmi LaayibiniizSirna FiwudaalaaAreeroo BoosarooAbbush ZallaqaaSiidniiTiyaatiraSirna-BiiftuuGiiniiWaalgaaHuseen BuneeUjummoo dhiigaaAbbabaa BiqilaaQabbanbalaliiWaaqeffannaaOromoo GujiiJimmaa RaareeSuwiiz KanaalDooqaTarree Hiibboo OromooHajii Adam SaaddooOg-barruuEebba WaaqeffannaaSeermurtooZalaalam Abarraa🡆 More