Eebba Waaqeffannaa

Eebba Waaqeffannaa eebba maqaa Waaqa jajachuun eegalun akka Waaqni hawwii isaanii guutu kan waqtiilee adda addaatti gaggeeffamuudha.

Eebbi kunis ganamaa fi galgala, nyaata duraa fi nyaata booda, hiree fi carraa, gammachuu fi gadda irratti dhihaata. Sababni eebba taasifamuufis wanta hamaarraa of eeguuf, carraa gaarii qunnamuuf ykn galma gahuufi.

Waaqeffannaa keessatti eebbi iddoo guddaa qaba. Waaqeffataan eebban hammachiisaafi magnfannaa itti raawwata. Qaalluunis eebban Waaqeffattoota galma keessatti gaggeessa. Akka Waaqeffannaatti Waaqni waan hunda kan uumuu eegale eebbaan ture; erga uumees booda eebbaan xumure. Wanti cufti eebbaan jalqabama; eebbaanis goolabama.

Eebbi Waaqeffannaa waan lama of keessaa qaba. Tokko beeliidha. Beelii jechuun jalqaba waan hundaati. Akka kanaan eebba jechuun harka hiikkannaa ykn jalqaba waan milkii tolfachuufi qajeelchuudha. Waanti hojjatamuuf ykn dalagamuuf jedhu akka toluuf dursa eebbifatan. Kan biraa Belel jedhama. Belel jechuun dhuma waan hundaati. Yeroo kana waanti yaadan milkaa'uu ykn toluu isaatiif kan eebbifatanii galateeffatanidha.

Waqtiilee eebbaa

Eebbi yeroo adda addaatti taasifama.

Eebba ganamaa

  • Yaa Waaq kan dubbatee nu dubbachiisu fi kan hamaa nutti yaadu nurraa qabbi.
  • Yaa Waaq mirga nu oolchi; hamaa nurraa qabi.
  • Waaqa nagaan nu bulchite, nagaan nu oolchi.

Eebba galgalaa

  • Yaa Waaq, ani galee, kan galee hin rafne narraa qabi; ani rafee kan rafee hin bulle narra qabi.
  • Waaqa nagaan nu oolchite, nagaan nu bulchi. yaa waaq ilkee halkaniif guyyaa hidditu nurraa qabi.

Eebba yeroo adda addaa

  • Waaqni si haaguddisu.
  • Waaqni si haa'eebbisu.
  • Waaqni siif haatolu.
  • Waaqarraa argadhaa.
  • Waaqarraa hindhabiin.
  • Waaqni siif haakennu.
  • Waaqni si haafayyisu.

Kanas ilaali

Wabii

Tags:

Eebba Waaqeffannaa Waqtiilee eebbaaEebba Waaqeffannaa Kanas ilaaliEebba Waaqeffannaa WabiiEebba WaaqeffannaaEebbaWaaqa

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

BooranaChiiliiGursum (aanaa)GoogleAfoolaBaaleMaqaalee Rabbi (Islaama)Mala dubbiiHawaaNarviiAfaan IngiliishLaa'osWiikiipiidiyaaSheekkoo Leencaa fi WaraabessaaHaacaaluu HundeessaaBusaaSafuuNaannoolee ItoophiyaaJimmaa RaareeSeenaa GibxiiGaaddiddeessuu AduuBurkaanaBahamaasQocaa fi SinbirrootaTarree boqonnaawwan QuraanaaKallachaLibaanonAsteer GannooAyinaniiTsunamisSiyaasaNaamrudFaaruu looniiAmeerikaasTapha ijoolleeQaalluuFaaruu ItoophiyaaAadaa OromooShawaaAsako (Aanaa)Paarkii Biyyoolessaa Gaarren BaaleeJaappaanGaazexaa BariisaaHeelleeBirsagaAmbo (magaala)FaaruuCiigooQananiisaa BaqqalaaMagaala BishooftuuSammuu namaaBiqiltootaPilaatileetiiKofalee (aanaa)AncooteeOromoo TuulamaMootummoota GamtoomaniiShawaa KaabaaSaffisaAbbabaa BiqilaaDaraaraaElektirooniksiiXurunash DibaabaaUruursu da'immaniiInformaatiiksiOromoo GujiiRaammoo geengoo🡆 More