Finfinnee: Magaalaa Oromiyaa

Addiis Ababaa-Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi Itoophiyaati fi akkasumas barcuma Gamtaa Afrikaa (Africa Union ti.

Finfinnee Oromiyaa

Shaggar
Addiis Ababaa/Finfinnee/
Biyya: oromiyaa
Naannoo: [[{{{Naannoo}}}]]
Godina: Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee
Aanaa: Aqaaqii
Ganda:
Ol ka'iinsa:
Baayyina ummataa: {{{Baayyina ummataa}}}
Tuuta'insa ummataa: 5.165,1/km²

Seenaa ganamaafi Moggaasa

Maqaan Finfinnee jedhu seenaa keessatti kan beekamuu durii irraa ka'ee kan jiru yoo tahuu maqaa sirrii jal'isuun ergaman jallina minilk addiis abaabaa kan moggaasan yommuu ta'u garuu minilik dhuma jaarraa 18ffaatti magaala ADDIS ABABA jedhamtu hundeesse.

Qe'ee Finfinnee

Karra Shanan Finfinnee

  1. Karra Qirxi – karra gara kaaba geessu
  2. Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
  3. Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
  4. Karra Qaallu/Qaallitti- karaa Bsiooftuutti nama geessu
  5. Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti nu geessu

Ona bulchiinsa Finfinnee

  • Ona Caffee Tumaa
    Finfinnee – Hora saawwan gullallee fi galaan araabaa turan amma bakka Filwuha jedhamu sana.
    Hurufa Boombii- Bakka maqaan ammaa jaanmedsaa, Embasii Egypt, Hospitaala minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatan dha.
    Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
    Dhummuggaa – bakka amma Ginfillee jedhamu irra ture.
    Keelloo Masqalaa- Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
    Tulluu Heexoo Diimtuu – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata polisaa 6eessa fi bakka baahitaa jidhamu.
    Dhaka Araara – Bakka amma fit berr, bakka police garaj jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka etege mask jedhamu, fi bakka amma hoteelli hilton jiru.
    Qarsaa- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata
    Awwaaroo- bakkuma amma awwaaroo jedhamu dha
    Hulluuqo kormaa- bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma masqal addababay jedhamu, fi bakka amma raas birru safar jedhamu ammata.
    Hora finfinnee- bakka amma filwuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
    Dolloo Biddeena – bakka amma baqlo beet,gotaraa fi walloo safar jedhamu
    Dabaso – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
    Haada Amma – bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan.
  • Ona birbirsa yaa´i goroo
    Waddeessa – bakka amma pizassaa, charchar godanaa, fi araadaa giyorgis jedhamu kana
    Maarama Birbirsa – bakka amma bataskaanni gorgis jiru
  • Ona qarsaa
    Hurufa Raaree – bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas ganamee safar jedhamu fi addisuu mikaêl dabalatu dha.
    Sokorru – Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa, fi kuas meedaa jedhamu ammata.
    Sulula garbii – Bakka amma taklahymanot fi cid tara jedhamee beekamu ture,
    Garbi – bakka amma sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru sana dha,
    Qarsaa – bakka amma markaatoo jedhamu, amerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.
    Baro Kormaa – bakka amma gollaa mika´el, ras tasamma safar, hospitaala xiqur ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
    Dache Golbaa – bakka amma addis katamaa jedhamu kana
  • Ona gullallee ykn mana Gullallee
    Adaamii- bakka amma bataskaanni rufaa´el jedhamu jiru, sameen mazagajaa, fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee ammata
    Didiimtu – bakka amma shogolee jedhamee beekamu ammata.
    Qaallee – Bakka amma askoo jedhamu
    Fiichee – Bakka amma dahannoo xaliyaani ykn xaliyaan mishig jedhamu.
    Kattaa – ammas kattaa jedhaama
    Burayyuu – Bakka amma burrayyuu, fi gafarsaa jiru dha,
    Harbuu Irreechaa – bakka amma raas hayiluu safar jedhamu
  • Ona Abbichu
    Burqaa Ejeeree – Bakka amma enxooxxoo kidana mirat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
    Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus ras kaasaa safar jedhamu
    Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xalizaani fi bataskaanni Aabboo jedhamu jiru ammata
    Ona xiixaa (enxooxxoo)
    Haxxee laalii – bakka amma shiroo meedaa fi enxooxxoo maramiin jiran fi naannoo isaa ammata
    Muujjaa – bakka amma shiroo meedaa jiru keessatu itti waamama.
    Waayyuu – bakka amma qacanee madanalam jedhamu ture
    Karaa Qorxii – bakka amma balay yallaqaa mangad jedhamuu fi samen bar jedhamu ammata.
  • Ona ekkaa
    Burqaa Qorichaa – Bakka amma yakkaa mika´el xabal, laga qabbana, fi lga daadhii jiran dabalata
    Karaa alloo riqicha – Bakka amma Imbasiin engiliz, Imbasiin Jarmany, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.
    Harbuu – bakka amma gurd shoolaa jedhamu dha
    Kotabee – Ammas kotabee jedhama
    Doqaa Booraa – Bakka amma haya hulat mazoriyaa jedhamu dabalata
  • Ona Boolee
    Garjii – Ammas garjii dhumaan beekama
    Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhan beekama
    Warra ganuu – Ammas warra ganuun beekama
  • Ona Teechoo
    Golboo – bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), qaallitti, qeeraa, gofaa jedhaman ammata.
    Lumee – bakka amma bataskaana yooseef jiru kana dabalata
    Laaftoo Tumtuu – bakka amma bunnaa bord jedhamu ammata
    Jaajaa – bakka amma biheere tsigee jedhamu ammata
    Tulluu ejersaa – bakka amma hannaa marizaam jedhamu ammata
    Tulluu dheertuu – bakka amma gofaa beetamangist jedhamu ammata
    Baaboo – bakka amma addisuu qeeraa jedhamu dabalata
    Sammuu Gullallee – bakka amma meettaa darichaa jedhamu ammata
  • Ona Caffee Annanii
    Caffee muudaa – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
    Harbuu – Bakka amma meksikoo, mana barnoota tagbaara id jiru, mana adabaa finfinnee, bakka saar bet jedhamu, bakka geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa dajjaa baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wazin xajji, bakka oomisha kokaa kollaa dabalata,
    Harawaa – bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaacaa fabrika) jedhamu dabalata.
  • Ona Jaarsayu
    calcali – bakka amma sar bet jedhamu dabalata
    Mardee – bakka amma arogee awropilan marefiza, midir xor, ganda tolasaa, fi raphii jedhaman ammata
    Bakkanniisa – bakka amma makkaanisaa jedhamee waamamu dha.
  • Ona Kolfee
    Daalattii – bakka amma qaraniyoo jedhamee waamamu,
    Labu – bakka amma siga meeda, taxaq xor safar jedhamu ammata
    Xaro – bakka amma axanaa taraa fi faxino darash jedhamu

Weerara Finfinnee

Magaalaan finfinnee/Addis ababaa/magaala guddittii itoophiyaa,akkasumas magaala guddiitti Oromiyaa tti.

Finfinnee: Magaalaa Oromiyaa

Finfinneen kan argamtu handhura Oromiyaa kutaa biyya Oromoo, Tuulama keessatti yoo tahu durirraa kaasee lafa gosoonni Oromoo akka Gullallee, Abbichuu, Eekkaa, Galaan faa irra jiraachaa turan bakka Hora loonii kan qabdu turte. Mootiin Shawaa gosoota Oromoo kanneen weeraruun Finfinnees qabatee Addis Ababaa jechuun moggaasuun seena badii bara dhiyooti.

 "(Inxooxxo dhaabatanii  Caffee gadi ilaaluun hafe  Finifinnee loon geesaani  Hora obaasuun hafe  Tulluu Daalattii irraatti  Yaaiin Gullallee hafe  Gafarsattii darbanii  Qoraan cabsachuun hafe  Hurufa Boombii irraatti  Jabbiilee yaasuun hafe  Bara jarrii dhufani  Loon keenyas indhumani  Eddaa Mashashaan dhufee  Birmadummaanis hafe!") 

Kan jedhanii Oromoo sababa weeraraatiin Finfinneen irraa fudhatamuu mormuufi dha.

Teessuma lafaa

Finfinnee kan argamtu lafa olka'aa 2200 m fi naannoo magariisatti argamti. Gara gajjallaa Mount Entoto fi laga Awash argama. Gara gadi aanaan ammoo kan jiru naannoo Bole International Airportiti. Finfinneen Kibbaan qixa galaanaatiin 2326m fi 3000m gara Entoto Mountains Kaabaatiin kan olka'u.

Qoqqoodama bulchiinsa magaalaa Finfinnee

Bulchiinsi magaalaa Finfinne kutaalee bulchiinsa Magaalaa 11tti qoqqoodamtee bulaa kan jirtuudha. Kutaa Magaalaa 11 fi Aanaale 116 qabdi.

Kutaa maagaalaa

Kutaalee magaagalittii 11 armaan gadii tarreefamaniiru.

Kaaba Kutaa Magaalaa Baldhina (km²) Baayi'ina Ummataa Quubsuma Kaartaa
1
Kutaa Magaalaa Dache Golbaa(Aaddis Katamaa)
7.41
271,644
36,659.1
File:Addis Ketema (Finfinne Map).png
2
Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii
118.08
195,273
1,653.7
File:Akaky Kaliti (Finfinne Map).png
3
Arada
9.91
225,999
23,000
File:Arada (Finfinne Map).png
4
Boolee
122.08
328,900
2,694.1
File:Bole (Finfinne Map).png
5
Gullallee
30.18
284,865
9,438.9
File:Gullele (Finfinne Map).png
6
Carqoos
14.62
235,441
16,104
File:Kirkos (Finfinne Map).png
7
Kolfee
61.25
546,219
7,448.5
File:Kolfe Keranio (Finfinne Map).png
8
Lideta
9.18
214,769
23,000
File:Lideta (Finfinne Map).png
9
Laaftoo Tumtuu
68.30
335,740
4,915.7
File:Nifas Silk-Lafto (Finfinne Map).png
10
Eekkaa
85.46
337,575
3950.1
File:Yeka (Finfinne Map).png

Kutaa magaala Kuraa lammii

Geessitu alaa

Qoqooddama Itoophiyaa Finfinnee: Seenaa ganamaafi Moggaasa, Weerara Finfinnee, seenaa finfinnee 
Naannoo
Affaar | Amaara | Benishaangul-Gumuz | Gaambeellaa | Hararii | Oromiyaa | Sumaalee | Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa | Tigraay
Magaalota Of Bulchan
Finfinnee | Dirre Dhawaa
Kutaa Biyyaa Bara 1995 Dura
Arsii | Baale | Gamuu-Gofaa | Goojjam | Bageemidir | Harargee | Iluubabor | Kafaa | Shawaa | Sidaamoo | Tigraay | Wallagga | Wallo


Godinaalee Oromiyaa
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa

Tags:

Finfinnee Seenaa ganamaafi MoggaasaFinfinnee Weerara Finfinnee seenaa finfinneeFinfinneeOromiyaa

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

SafuuGaara Mul'ataaDodola (magaalaa)Electromagnetic radiationMaqaa Ji’ootaMosaajiiArsii DhihaaHeeliyeemiiWangeelaRudaMudaammuddiiAartii OromooNaayijeeriyaaOrgaanizimootaMaatiwwan hortee kuushNadhii GammadaaDhiigaAddeessaMadagascarGaara MuktaarDargiiDhaamjechaIslaamaLaayibeeriyaaNyaata fedhiNapoleonBaddeessaaNaannoo OromiyaaNikolaa TeslaaRaadiyeeshinii elektiroomaagnineetiiGochimaXin-hawaaQoqqoodama OromooAmbooAnaatoomiiAsoosamaTapha ijoolleeMaqaalee Rabbi (Islaama)GaaziiSirna FiwudaalaaJawaar MahaammadDhahaMaaree DibaabaaAbuurrraa Ji’oogiraafawaaShawaa Kibba LixaaGarba PaasifiikAntiroppooloojiiTiruuLaga AwaashX-raysXiwwaasaGaa'elaMooltaaAppaartaayidiiSirna hargansuuSirni bullaa’insa nyaataaNASAAanaa FiraankiNaqamteeGodina Gujii DhihaaGodina Baalee BahaaAbbabaa BiqilaaKoloneeffamuu AfrikaaAyooniiSheekkoo Leencaa fi WaraabessaaSeermurtooOromoo BaarentuuHeeraa Mootummaa ItoophiyaaSadhata waliigalaa🡆 More