Baha Afrikaa

Baha Afrikaatti biyyoonni argman lakkoofsaan kudhan.

Isaanis Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa, Buruundii, Somaaliyaa, Jibuutii, Itoophiyaa, Ertiraa fi Sudaaniidha. Baha Afrikaa keessaa naannoo Gaafa Afrikaa kan daangeessan Keeniyaa fi Sudaaniidha.

Teessuma lafaa

Haalli teessuma lafa biyyoota Gaafa Afrikaa bakka sadiitti qoodama. Isaanis naannoolee ol ka’oo (gaarreenii fi pilaatoowwan), lafa dakee fi sulullan fa’a. Naannooleen gaarreenii fi pilaatoowwanii irra caalaatti Itoophiyaa keessatti argamu. Biyyoota kanniin hafan keessattis dabranii dabranii ni argamu. Naannoon lafa dakee ammoo baldhinaan Somaaliyaa keessatti argama. Jibuutii fi Ertiraattis qarqara qaama bishaanii Galoo Galaana Eedanii fi Galaana Diimaatiin daangeeffamutti argama. Itoophiyaa keessatti naannooleen lafa dakee gara Kibbaa naannoo Booranaa, Baalee fi Harargee, naannoo Sulula Qiinxamaa Guddaan fi gara dhihaatti naannoo Laga Baaroo irraa hanga Laga Angarab jedhamutti baldhatee argama. Sululli Qiinxamaa Guddaan biyya Sooriyaatii ka’ee Galaana Diimaa keessa qaxxaamuree Itoophiya bakka lamatti addaan qoodee darbuun biyyoota kibba baha Afrikaa keessa dabruun hanga Moozaambikitti fulla’a.

Kana malees, naannoo biyyoota Gaafa Afrikaa daangessan qaamman bishaana’oo gurguddoon Garba Guddaa Hindii, Galoo Galaana Eedanii fi Galaana Diimaadha. Laggeen gurguddoon naannoo Gaafa Afrikaatti argaman Laga Abbayyaa, Laga Takkazee, Laga Marab, Laga Baaroo, Laga Waabee Shabalee, Laga Dawaa fi Laga Gannaalee fa’a. Naannoo kanatti harawwan uumamaa kanneen akka Hara Shaallaa, Hara Laangannoo, Hara Danbal, Hara Abjaataa, Hara Hawaasaa, Hara Turkaanaa, Hara Xaanaa fi kanniin biroo akkasumas harawwan nam-tolchee kanneen akka Hara Qooqaa, Hara Malkaa Waakkannaa fi Hara Fincaa’aa fa’aa ni argamu.

Wabii

Tags:

BuruundiiErtiraaItoophiyaaJibuutiiKeeniyaaRuwaandaaSomaaliyaaSudaanTaanzaaniyaaYugaandaa

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

MaaynamaarJaarraa Abbaa GadaaUummamaBaskin-RobbinsFaaruu OromiyaaSeenaaAdaamaaAartii OromooAdda Bilisummaa OromooIstaadiyeemii Addis AbabaaWalqunnamtii saalaaMaagineetiin Gargar DhiluuAbboomaa MitikkuuBaatiriiTaaddasaa BirruuWallaggaBaqqalaa GarbaaIlbiisotaWaalgaaLij IyyaasuuKomoroosOromoo ItuuDNATarree WalalooIttiiqaa TafariiHeeraa Mootummaa ItoophiyaaSirna narviiDhaha BooranaaIlfataultravioletBurqataJimmaa RaareeWNBAAbbaa Jifaar IKompitaraWaaqeffannaaXurunash DibaabaaCirooAmajaajjiiSeermurtooMala dubbiiAfran QallooXin-hawaaDirre DhawaaGeedalaMicirjirtiiAfaan SidaamaaFiicheeKolonii Jalaa Bahuu AfrikaaAlii BirraaAfoolaJi’oomeetirii jabaaNaannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota KibbaaGuddinaa TumsaaDurbummaaMaqaaAl Nassr FCBallina BiyyottaGadaaLeonardo da VinciHarargee DhihaaSuwiiz KanaalZoodiyaak🡆 More