Hepatitis A (maqaan inni ittiin beekkamu infectious hepatitis) jedhama acute dhukkuba faalaa/infectious disease kan ltiruu/liver ka’uumsi isaa vayirasii hepatitis A (HAV).
Baay’een isaa keessattuu dargaggoota irratti mallattoo dhukkuba xiqqoo mul’isa yookin mallattoo omatuu hin argisiisu. Yeroon wayita faallamaa fi mallattoon dhukkuba itti mul’atu gidduu jiru, torban lamaa anga torban ja’aa ta’a. Wayita mallattoon dhukkubsachuu mul’atu keessattuu dhuma torban saddeetii booda: nyaata jibbisiisu, ol-debisiisu, gadi-teessisu , gogaan keelloo ta’u/yellow skin, hoo’ina qaamaa, fi dhukkubbi garaatu irratti mul’ata. Namoonni dhibbantaa 10–15 ta’an jalqaba faallamanii kaasee torban ja’a booda mallattoo dhukkubbii argisiisu. tiruun tajaajilaan ala ta’un/Acute liver failure tarbee darbee kan mul’atu yoo ta’u kunis harka caaluu namoota dullooman irratti mul’ata.
Yeroo baay’ee kan tamsa’u bishaan yookin nyaata boobbaa dhukkuba kana qabuun faallame dhuguu fi nyaachudhaani. qurxummiin/ Shellfish yoo sirriitti bilchaachuu baate aga tokko dhukkuba kana dadabarsuu danda’a. Nama dhukkuba kanaan qabame waliin walitti dhiyenyaan jirachudhaanis namatti darbuu danda’a. Daa’imman faallaman mallattoo dhukkubbii yoo argisiisu baatan illee dhukkubichi isaan irraa namoota gara biraatti darbuu danda’a. Al tokko namni faallamee fayye sana booda umurii isaa guutuu deebi’ee hin qabamu. Sababa mallattoon dhukkubbi dhibeewwan gara biraatin wal fakkaataniif dhukkubicha addaan baasanii baruuf qorannoon dhiigaa barbaachisaadha. Dhukkubni hepatitis viruses gosoota adda addaa shan: A, B, C, D, and Etiin beekkama.
Gosni hepatitis A vaccine ittisaaf mijataadha. Biyyoonnii tokko tokko daa’immanii fi iddoo sodaa guddaan jirutti warra ijoollumaatti hin talaalamin talaalchisu. Talaallin ummurii guutudhaaf ittisa. Tarkaanfiwwan ittisaa kuun harka dhiqachuu/hand washing fi nyaata sirriitti bilcheessudha. Yaalin addaa godhamu hin jiru,boqonnaa fudhachuu fi qoricha nausea yookin diarrhea fudhachuun akkuma barbaachisaa ta’etti ajajamuu fi danda’a. yeroo baay’ee faalamnii uummame guutumaa guututti dhukkuba tiruu itti fufiinsa qabuu malee ni fayya. Yaalii tiruu tajaajilaan ala t’ee ilaalchisee, wanti akkasii yoo muuddate tiruu bakka buusudhaan/liver transplantion dhaan yaallama.
Sadarkaa addunyaatti dhukkuba kanan walqabatee gara namoota miiliyooma 1.5 ta’antu dhukkubsata walumaa galatti namoota faallaman miiliyoona 10 ta’an keessaa. Dhukkubichi kutaa addunyaa qulqullina gadi aanaa qabanii fi bishaan qulqulluu ga’uumsaan hin argannetti bali’aan mul’ata. Biyyoota guddachaa jiran developing world keessatti daa’imman dhibbantaa 90 ta’an yeroo umuriin isaanii waggaa 10 waan faallamaniif yeroo guddatan dhukkubichaan hin qabaman. Biyyoota guddatan keessatti ijoollen yeroo daa’imummaa waan hin saaxilamnee fi talaallin yoo kennamuu baate bifa weerraraatin mul’ata. Bara 2010 keessa, dhukkubni “acute hepatitis A” namoota 102,000 ajeese. Guyyaan Hepatitis Addunyaa/World Hepatitis Day adoolessa 28 ubannoo waayee viral hepatitisuumudhaaf kabajama.
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Hepatitis A, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.