Wahiyyooelementii

Wahiyyoon keemikaalaa (Afaan ingiliffaan: Chemical Element) jechuun Wantoota qulqulluu ta’anii adeemsa jijjiirama keemikaalaatiin gara wantoota xixiqqoo birootti diigamuu kan hindandeenyeedha.

Wahiyyoon atoomii gosa tokkoo qofa kan qabuudha. Fakkeenya; meetii, warqii, salfarii, oksijiiniifi kan kana fakkaataniidha.Innis atoomota hundi isaanii niwukilasii isaanii keessatti pirootoonii lakkoofsa walfakkaataa qaban irraa ijaarame. Tokkoon tokkoon Wahiyyoo mallattoo addaatiin bakka bu'a, kan akka "H" haayidiroojiiniif, "O" oksijiiniif, fi "Fe" sibiilaaf. Yeroo ammaa kana Wahiyyoowwan beekaman 118 yoo ta'an, haayidiroojiinii, Wahiyyoo salphaa ta'e irraa kaasee hanga oganesson, Wahiyyoo ulfaataa ta'etti kan argamanidha. Wahiyyoowwan ijaarsa maatirii yoo ta’an, keemistrii fi dameewwan saayinsii biroo hedduudhaaf bu’uuraa dha.

Wahiyyooelementii
Wahiyyoowwan keemikaalaa gabatee piriyoodii keessatti tartiiba qaban

Qoodama Wahiyyoolee

Elementootni kunniin qoodamaafi amaloota mataa isaanii qabu. Amala isaanii irratti hundaa’uun elementoota bakka sadiitti ramadamu. Isaanis: sibiilota, sibiilalootafi gariin sibiilota.

Sibiilota:

Sibiilonni elementoota calaqqisan, ho’aa fi elektirikii  kan dabarsan, akkasumas shibooffamanfi batteeffaman ta’aniidha. Isaanis akkaataa adda addaatiin ho’a kutaa keessatti jajjaboo ta’u, meerkikurii kan dhangala’aa ta’e irraa kan hafe. Fakkeenyonni ayiranii ykn quraata, girjaa, warqee, meetii fi saldaqaa ni argamu.

Sibiilaloota:

Sibiilaloonnii elementoota amaloota fiizikaalaa fi keemikaalaa faallaa  sibiilotaa qabu.. Isaanis giraafaayitii irraa kan hafe sibiilalootni hundiinuu dabarsoo ho’aafi elektirikaa miti, hin calaqqisaneefi yommuu tumaman ni caccabuu, hinbattaa’an, hinshibeefamanis. Sibiloonnii faalkaalee wantoota sadan (jajjaboo, dhangala’aa fi gaazii) keessatti teempireechara daree keessatti jiraachuu danda’u. Fakkeenyonni sibiilalootni oksijiinii, naayitiroojiinii, kaarboonii, salfarii fi kilooriinii ni argamu.

Gariin sibiilota

Gariin-sibiilotni elementoota amala sibiilaafi sibiilalaa qabaniidha. Elementootni kun gariin dabarsoo ho’aafi elektirikaa waan ta’aniif meeshaalee elektirooniksii keessatti faayidaa ol’aanaa qabu. Fakkeenya; Silikoonii, Jarmaaniyemiifi Arseenikii

Tags:

Wahiyyooelementii Qoodama WahiyyooleeWahiyyooelementiiAtomiiHaayidroojiiniiMeetiiOoksijiiniiWaalgaa

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

Oromoo TuulamaaGiriikDinquu DayyaasaaAl Nassr FCAlleleShaggooyyeeFaaruu looniiDarraaKuushIfsuduudaaSanyiiCigooOduun durriiGaaddisaa BirruuGalaana DiimaaBunaDurduubeeJarmaniiOostiriyaaUjummoo dhiigaaYaayyaa shananTuniisiyaaGodina BooranaaBamaqaaHollannaa lafaaKaarbooniiZalaalam AbarraaWahiyyoo(elementii)Sheekkoo warra badooYuuraanisFIFASa'ud ArabiyaaJaarraa (aanaa)YuurooppiMaagneetiizimiiSirna GadaaHaacaaluu HundeessaaAmbo (aanaa)DhiigaSaayikoloojiiIlbiisaAsallaaEebba OromooBaay’isuuSirnakkooFakkiiSpeed of SoundFakkaaftuuHaayidroojiiniiDNAPilaaneetootaSheek Mahaammad Rashaad AbdulleeQorannoo AfaaniiAdmaasuu BiraanuuInformaatiiksiNaayilOliiqaa DingilSeenaa Itoophiyaa SirriiEebba WaaqeffannaaLafeeWallaggaDaraartuu TulluuZoodiyaakAmbo (magaala)Oromoo MaccaaGrand CanyonWNBAJi’oomeetirii jabaaMicirjirtiiAadaa Oromoo🡆 More