Aristootil (Giriik: Ἀριστοτέλης, Aristotélēs; A.L.A 384 – 322 DhKD) saayintistii fi filoosofera Giriik yoo ta'u magaalaa Maqedooniyaa Isteejiraa, Chaldiis, qarqara kaabaa Giriik durii keessatti dhalate.
Abbaansaa, Nikoomachus, yeroo Aristootil daa'ima ture du'e, kana booda Pirooksenus kan Eetarines guddistuusaa ta'e guddise. Umurii kudha-saddeetitti, Aristootil Akkaadaamii Pileetoo kan Ateensi keessa jiru gale, achi keessas amma umuriinsaa soddomii-torba ta'utti ture (347 DhKD). Barreeffamni Aristootil mataduree gara garaarratti barreeffame – fiiziksii, baayoloojii, zuwooloojii, meetaafiiziksii, yaayaa, safuu, aartii fi bareeda, walaloo, tiyaatira, wallee, xiinluga, siyaasaa fi mootummaa – kunis falaasama dhihaa kan guutuu ta'e kan jalqabaati. Pileeton erga du'ee yeroo gabaabaa booda, Aristootil Ateensi gadilakkise, gaaffii Filiippi kan Maqedooniyaatin, Aleeksaander Guddicha bara 343 DhKD kaasee barsiise. Akka Insaayikiloppidiya Biritaanikaan jedhutti "Aristootil saayintistii dhugaa kan jalqabaati... kanaafis saayintistiin kamirraayyuu oolmaa qaba"
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Aristootil, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.