Morgaan gummee qabsiistuu adda ta’e kan kollaajiinii heddumminaan of keessaa qabuu dha.
Morgaan qaama namaa fi kan lafee dugdaa qabeeyyii biroo keessatti argama.Caasaan kun salphaatti dadacha’uu danda’a. Akka lafee utuu hin taane morgaan ujummoo dhiigaa of keessaa hin qabu. Kanaaf seelotni isaa soorataa fi oksiijinii kan argatan naannoo isaanii irraa qirimbisaani. Umurii sadarkaa micireetti lafeen qaamaa morgaa dha. Adeemsa dagaaginaa keessa morgaan lafeen bakka bu’amaa adeema. Kanaafuu dhaloota boodaa ammi morgaa qaama keessaa muraasa ta’aa adeema. Haata’u malee morgaan umuri namaa guutuu dalagaa isaa itti fufu qama namaa keessa hedduu dha. Gurri, funyaan, ujummoon qilleensaa, lafee armaa, fi kkf caasaalee morgaa irraa tolfamanii dha. Buusaawwan keessattis ga’ee morgaan taphatu daran olaanaa dha. Morgaa gummeewwan qabsiistuu biroo irraa kan adda taasisu lubbiyyoo gosa tokkoo qofa of keessaa qabaachuu isaa ti. lubbiyyoon morgaa kondiroosaayitii (‘Chondrocyte’) jedhama. lubbiyyoon morgaa maddoo(matrix) kollaajiiniin marfamanii argamu. Gummeewwan morgaa gosoota sadiitu jiru. Isaanis:
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Morgaa, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.