Dhukkuba Chaagas

Dhukkuba Chaagas, YKN American trypanosomiasis, kun mudhii lafaa dhukkuba ilbiisotaan darbu kan uummamu protozo’a Maq.

Trypanosomacruzi. Yeroo baay’ee kan ittiin tamsa’u ilbiisa kissing bugs jedhamtee beekamtuuni. Mallattoowwan erga dhukkubichi qaama keessa galee /faale/ kaasee jijjiirramaa deema. Sadarkaa jalqabaarratti, mallattoowwan hin mul’atan yookin dhukkubbi xiqqoo: kan akka hoo’ina qaamaa fi ita’uu mudaamuddii, dhukkubbii mataa, YKN idoodhumtii ciniinname sun ita’utu mul’ata. Torban 8-12 booda,namootni gara sadarka dhukkubicha waliin yeroo dheeraa jiraachutti /Chronic/ itti waan ce’aniif dhibbanta 60-70% mallattoo dabalataa hin argisiisan. Namootni kun dhibbantaa 30 hanga 40 erga faalamanii kaasee wagoota 10 fi 30 gidduutti mallattoowwan biraa argisiisuu malu. Kunis guddachuu hidda onnee/ ventricles of the heart hanga dhibbanta 20-30 dabaluun gara dadhabuu onneetti/heart failure geessa. kan enlarged esophagus YKN guddachuun qaama marumaanii namaoota dhibbantaa 10 ta’an irratti ni mul’ata.

Dhukkuba Chaagas
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan
Dhukkuba Chaagas
Dhukkuba Chaagas
Photomicrograph of Giemsa-stained Trypanosoma cruzi
ICD/CIM-10B57 B57
ICD/CIM-9086 086
DiseasesDB13415
MedlinePlus001372

Ka’uumsaa fi tooftaa ittin adda baasan

T. cruzi n yeroo baay’ee namaa fi bineeyyii hoosisanitti kan dadarbu ilbiisa dhiiga-xuuxxuu gosa "kissing bugs" jedhamtee beekamtuuni Triatominae. Ilbiisonni kun iddoowwan adda addaatti maqaawwan adda addaatiin beekkamu, kunis: Arjentiinaa, Booliviya, Chiilii fi Paraguayi keessati vinchuca, Braazil keessatti barbeiro (the barber), Kolombiyaa keessatti pito, giddu-gala Ameerikaa keessatti chinche, akkasumas Venzuweelaa keessatti chipo jedhamuun beekkama. Dhukkubnni kun tarii dhiiga walii dabarsuudhan, qaama nama tokkoo isa gara biraatiif dabarsanii dhaabudhaan, nyaata dhukkubichaan faalame nyaachu, fi, haadharraa gara daa’imaatti daddarbuu danda’a. Sadarkaa duraa/jalqabbii irratti maayikirooskooppii fayyadamuudhaan raammoo dhukkubicha fidu addaan baasun ni danda’ama. Dhukkubichii yeroo dheera erga tureen booda aqaama ittiftuu /antibodiesT. cruzi dhiiga keessa ilaaludhaan addaan baasun ni danda’ama.

Ittisaa fi yaala

Dhukkubicha ittisuuf yeroo baay’ee ilbiisa “kissing bugs” jedhamtu kana balleessu fi cinniinnaa ishii dhabamsiisudha. Tarkaanfiin ittisaa gara biraa yeroo dhiiga walii dabarsan sirriitti sakatta’uudha. Akka lakkoofsa faranjootatti hanga 2013 itti talaallin hin uummamnne. Dhukkubichi yeroo jalqaba nama qabu yoo yaalaman qorichoota benznidazole YKN nifurtimoxtiin fayyuun ni danda’ama. Ammuma dhukkubni “Chagas” namarra turu sadarkaan fayyuu gadi deema kan dhufu yoo ta’eyyu, jalqaba irratti dafanii yoo yaalaman amma gutummaa guututti dhiyaatun ni fayyu. Erga yeroo dheeraa namarra tureen booda yaalamuun mallattoowwan dhukkubbii dhumarra mul’atan akka turan yookin akka hin mul’anne ittisuuf gargaara. “Benznidazole” fi “Nifurtimox”n namoota dhibbantaa hanga 40 ga’an irratti yeroodhaaf dhiibbaa maddii kan akka dhukkubbii gogaa, summaa’uu sammu, fi gubaa qaama garaa irraatti mul’isuu danda’a.

Tamsa’iina dhukkubicha

Namootni miiliyoona 7 hanga 8 itti tilmaamaman baay’een isaanii biyyoota akka Meeksiiko, Giddu-gala Ameerikaa fi Kibba Ameerikaa jiraatan dhukkuba Chagaasin qabamanii argamu. Akka ragaa bara 2006 tti waggaatti namoota 12,500 ajjeesa. Namootni hedduun dhukkuba kana waliin jiraatan hiyeessota fi namootni dhukkuba kanaan qabamanii jiran baay’een isaani faalamuu isaanillee hin beekan/hin hubatan. Sosochiin uummataa hedduumminaan iddoodha gara iddootti taasifamuu bakki dhukkubnii Chagas itti argamu akka babal’atu kan taasise si’a ta’u kunis yeroo amma biyyoota Awuroopaa hedduu fi Ameerikaa dabalata. Naannowwan kun waggoota hanga 2014 keessatti olka’iinsa argisiisaniiru. Dhukkubichi yeroo jalqabaatif kan argame bara 1909 nama Carlos Chagas jedhamuun si’a ta’u sana booda maqaa kanatti moggaafame. Dhukkubichi nama malees bineensoota 150 caalan kan miidhudha.

Madda odeeffannoo

Tags:

Dhukkuba Chaagas Ka’uumsaa fi tooftaa ittin adda baasanDhukkuba Chaagas Ittisaa fi yaalaDhukkuba Chaagas Tamsa’iina dhukkubichaDhukkuba Chaagas Madda odeeffannooDhukkuba Chaagas

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

Makkoo BiliiMuhammadDarraaOdaaAanaa AmiinyaaGumii Waaqeffattoota AddunyaaBuutanSayyoo DandanaaDaldalaJajjuu (aanaa)Sheek Mahaammad Rashaad AbdulleeBamaqaaChaayinaaMootummoota GamtoomaniiHuseen BuneeShawaa KaabaaAbdiisaa AagaaNaamrudBarliinGadaaDadacha'insa LafaaWallagga DhihaaDhahaMuuziqaaAfrikaa KibbaaTo’annoo lakkoofsaaNiijerBaaroo TumsaaAbuunaa GindabaratIndiyaaGodina BooranaaEjereeJaarraa Abbaa GadaaAbubakar MuussaOdaa BulluqWaldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi TuulamaaOmaanNadhii GammadaaFalkaalee watootaaBildimaa (halluu)Tarree Mammaaksa OromooBallina BiyyottaYamanMorookooDodola (aanaa)Oromo WallagaMaaldivsiMaatiiJimmaa ArjooHerregaHaadhmaaraOnesmoos NasibTulluu DiimtuuBarreeffamoota Waa'ee OromooGalmoota Misooma WaaraaTarree Jechama OromooTapha ijoolleeNeeppaalTeeknooloojiiRaashiyaaEeshiyaaHawaaQur'aanaOromooKubeeGaanfa AfrikaaKamisaBakkalchaGarba Indiyaa🡆 More