Muhammad (S.A.W) (Afaan Arabaa: مُحَمَّد, Muhammad bin Abdullahi; 570 Dh.K.D – Waxabajjii 8, 632 Dh.K.D) Araba Islaamumma gad-dhaabee fi dura bu'aa amantii, hawaasumma fi siyaasaati.
Akka amantii Islaamaatti, barsiisa Rabbi tokko amanu Aadam, Ibraahim, Muussaa, Yesuus fi nabiyyoota biroo haa itti fufsiisuufi gorsuuf nabiyyii ergamaniidha. Isaan(S.A.W) akka nabiyyii Rabbi dhumaa ta'anitti ilaallamu. Barsiisafi gochi Muhammad(S.A.W) Quraanaa waliin bu'uura amantii Islaama ta'uun Araboota gara mootumma muslima tokkoomse.
Muhammad(S.A.W) tilmaamaan bara 570 Dh.K.D (Bara Arbaa) magaalaa Arabaa Makkaa keessatti dhalatanii, gaafa ganna 6 yataamaa ta'an. Muhammad kan guddatan akaakoo abbaa Abd al-Muxxalib, erga inni du'e booda immoo eessuma isani Abu Xaalib biratti.
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Muhammad, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.