Ruda Margundoo

Ruudootni(Galaxies) kunneen gosoota rudootaa baay’inaan hawaa keessatti argamanidha.

Isaanis wiirtuu dorca irraa irree margundoo gara alaatti furga’u qabu. Cina irreewwan margundootti duumessa gaasii fi awwaaraa, iddoo urjiilee haaran itti uumaman argina. Gidduu irreewwanii fi wiirtuu dorcatti urjiileen argaman dulloomoo dha. Isaanis bifa keelloo fi umurii waggaa Kumkumla (Billion) yeroo qabaatan, urjiileen warri irree keessaa garuu bifa cuquliisa fi umurii waggaa kitilaa (million) qabu. Galaaksiin margundoo kun baayinaan urjiilee 1011 * of keessaa qaba. Rudni Xurree Aannannoo ruuda margundoo dha

Ruda Margundoo
Fakkeenya ruuda mamaramaa ykn margundoo, ruuda Pinwiil (Messier 101 ykn NGC 5457 jedhamuunis beekama) .

ruuda Xurree Aannannoo

Ruda Margundoo 
Milky Way Galaxy’s spiral arms fi barred core – daataa WISE irratti hundaa’uun

" Xurree Aannannoo " walitti qabama ykn biifama urjiilee fi qaamolee samii adda addaati. Ballinni ruuda Xurree Aannannoo gara kiloo meetrira 1,000,000,000,000,000,000 ykn waggaa ifa 100,000 ykn 30 kiloopaaskaalii ta'a jedhamee tilmaamamama. Fageenyi fiixee tokko irraa gara fiixee isa kaaniitti (daayameetiraan) safarame waggaa ifa 100,000 dha. Urjiilee biiliyoona 100 hanga 400 gidduutti akka of keessaa qabu tilmaamameera. ruuda kana keessatti sirna Biiftuu ykn aduu giddu galeessa godhate jira.

Fakkeenyota beekamoo

  • Andiroomeedaa  – Garee Naannoo keessatti galaaksii margundoo barred
  • Xurree Aannannoo  – ruuda Sirna Aduu of keessaa qabu
  • ruuda Piinwiilii(Binkoo golollee)  – ruuda margundoo fuula irratti mul’atu kan urjii Ursa Major keessatti argamu
  • ruuda Suufii – ruuda margundoo urjii Canes Venatici keessatti
  • ruuda Lamii  – ruuda margundoo urjii lamii keessatti argamu
  • ruuda obomboleelaa – ruuda margundoo saxaxa guddaa wal-qunnamtii qabu
  • ruuda Ija Gurraacha – ruuda margundoo adda baafame kan urjii Coma Berenices keessatti argamu
  • Maalin 1. – ruuda margundoo ifa lafa gadi aanaa guddaa qabu kan urjii Coma Berenices keessatti argamu

Tags:

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

BaangilaadishWaldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi TuulamaatBamaqaaQurxummiileeAndooraaMararaa GuddinaaTarree WalalooSiishelsiShawaaWaancaa Afrikaa bara 2023TuniisiyaaMaansa MusaaRaashiyaaDoonaaldi TiraampiSadhata waliigalaaKaarbon daayi'oksaayidiiOsascoSirna hargansuuFulukkeeJibaatGodina sa'aatiiIsaaq NiwuutenAteeteeTarree boqonnaawwan QuraanaaNaannoo AmaaraaQaajjibuuShawaa LixaaBooranaWaayyuu TukaAfrikaa cirachuuOoksijiiniiAfaan OromooSirna narviiXurree AannannooBulee HoraaGubaa sulula qiinxamaaDaarabaaftuuEebba OromooWaldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi TuulamaaShantam ShibbisaaKeeti PeeriiTarree Mammaaksa OromooElektirooniksiiSaayinsii HawaasaaGochimaHawaaAfaan ArabaaKaarli Firidiriish GaawusAfgaanistaanYuunivarsiitii JimmaaNam'a (Inzaayimii)CentrifugationTarree Eebba OromooHawwisoo OromooTsahaay TolasaaBineelda🡆 More