Keeti Peerii

Kaazriyn Ilizaabet Haadsen (Afaan Ingiliish: Katheryn Elizabeth Hudson; A.L.A Onkololeessa 25, 1984 dhalatte) maqaa ogummaa Keeti Peeri (Katy Perry) kan beekamtu, weellistuu Ameerikaa, sirbituu, fi haadha murtii televijiiniiti.

Yeroo ijoollummaa ishee Waldaa keessatti faarfataa erga turte booda, muuziqaa Wangeela keessatti hojii jalqabde. Keetiin Reed Hiil Ricardis (Red Hill Records) walin mallattessuun albama istudiyo maqaa dhaloota ishe Keeti Haadsenin (Katy Hudson) bara 2001 gadhiiftee hin milkoofneef. Waggaa booda muuziqaa amantii kan hintaaneetti seenuuf gara Loos Anjeles imaluun pirooduusar Gilen Belaard, Dr. Luqaas, fi Maaks Maartin waliin hojjechuu jalqabdee. Erga garee muuziqaa Aayland Deef Jaam (Island Def Jam Music Group) fi Kolombiyaa Rikardis (Columbia Records) irraa hirrifamte booda, waliigaltee Kaapitol Rikardis (Capitol Records) waliin Ebla 2007 keessa mallatteesite.

Keeti Peeri bara 2019
Keeti Peeri bara 2019tti

Keetiin bara 2008 albamii ishee lammaffaa, dhiirota keessaa tokko, jedhuun beekkamtuu taate. Sirba rook kan ta'e albamiin ishee, sirboota falmiisisaa Ameerikaa lakkofsa tokko ta'an dubara dhungadhe fi Ho 'aa fi qorra of keessaa qaba . Albamiin kana aanan hundi Billboordi U.S. 200 irra aananii jiru. Albamii diskoo kan ta'e Teenage Dream ( 2010 ) (abju Ijoollee) Billboordi Ho'aa U.S qeenxee 100 keessatti chaarti shan siboota California Gurls (Dubra Kaaliforniyaa), Teenage Dream (Abjuu Ijoollee), Firework (dhamaashaa), E. T. fi Last Friday Night (T.G.I.F.) (Jimaata darbe galgalan) durfamu oomishuun galmee Maykil Jaakson Bad (Badaan) qabame waliin qixa ta'e. Albamiin kana aane Prism (2013) hiikkaa gaa'ela isheetin kaka'uun pop fi shubbisaan hariiroo, jirenya guyya guyyaa fi calaqqii jireenya ishee kan itti ibsatteedha. Keetiin muuziqaa sursagale chaartii irra aanan Roar (baroodi) fi Dark Horse (Farda gurraachaan) artistii jalqaba sursagalee lama Vevo irratti daawwii biliyoona tokko qaqqabe qabdu taate. Albamii elektiropoppii bara 2017 kan ta'e Witness (Ragaa), kan siyaasaa fi bilisummaa qabuudha. Qeenxee guddaan Albamicha Chained to the Rhythm, galmee sirba artistii dubaraan guyyaa jalqaba baay'ee dhageeffamu Spotify (Ispootifaay) yeroo sani cabseera. Albamii istuudiyoo ishee jahaffa gaafa Hagayya 28, 2020 seeqxe.

Keetiin sirba qeenxe Billboordii ho'aa 100 U.S. tokkoffa ta'e sagal qabdi. Keetiin Guinness World Records afur, badhaasa muuziqaa billboordii shan, badhaasa muuziqaa Ameerikaa, badhaasa Brit, badhaasa Juno fi badhaasa adda addaa argattee jirti. Tarree dubartoota muuziqaa mindaa gudda argatan wagga waggaa Forbes bara 2011-2019 keessa jirti. Tilmaamni galii ishee bara 2016 miliyoona $125. Albamii miliyoona 18 fi qeenxee miliyoona 125 ol addunyaa guutu gurguruun, artistoota akkaan muuziqaa gurguran addunyaa keessaa isheen tokko. Keetiin bara 2018tti hadha alanga Ameerikaa ta'uun tajaajiluu eegalte.

Tags:

Afaan IngiliishAmeerikaas

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

SaalaaKirgistaanNyaata aadaa OromooWaaqaQorannoo AfaaniiKaataarDBeeljiyeemXurree AannannooFaalama Qilleensaa Fi NaannooHarkaa fi harma muraa AanoleeChaayinaaMarmaartuuBunaJimmaFiliippiinsiDinquu DayyaasaaAartii OromooDandiiKompitaraFiiziksiiTQOAddeessaTokkummaa Koonyootaa AmeerikaaSiiqqeeLammaa MagarsaaMacaafa QulqulluuItoophiyaaIspeenWanta(Qaama wantaa/ Qodaa)Oromoo MaccaaDhaha ChaayinaaBeelaarusGodina JimmaaHayilamaaram GammadaaLakkoofsa XaxxamaaGudar (magaalaa)FiriiBishaanWiikiipiidiyaaZalaalam AbarraaUjummoo dhiiga raabsituuEshiyaa BahaaIttiiqaa TafariiPoolaandiDinagdeeDaawud IbsaaBaacooYohannis GuutinbergiOdaaIlbiisotaAfaan OromooBiffiisaDurri diimaaBineeldaQilleensa MarsaaKarrooleeBalbala'aYerooElemoo QilxuuOromiyaaKutimaSabbata WaaqaaMudaammuddiiCigooEebba OromooAliyyii CirriiOromoo WallooShawaa DhihaaKubeeTokkee Kuuttaayee🡆 More