Gaalcha

Xiinjiree keessatti gaalchi taatee guddina ykn sochii garagalchuu orgaanizimii tokkoo, yeroo baay'ee biqiltuu, kulkulfannaa rifachisoo naannoo agarsiisudha .

gaalcha keessatti, kulkulfannaan kun kallattii rifachiisoo irratti hundaa'a (faallaa sochii kulkulfannaa , isaanis kulkulfannaan kallattii hin taane). Gaalchi yeroo baay’ee kan moggaafaman kaka’umsa hirmaatan irraa kan ka’e yoo ta’u; fakkeenyaaf, gaalchifni(phototropism) sochii gara madda ifaatti godhamu yoo ta’u, aneemootiroopizimiin immoo deebii fi madaqfamuu biqiltoonni qilleensaaf kennanidha.

Gaalcha
Deeyisiin ( Bellis perennis ) ganama erga banamee booda Aduutti fuuldura kan jiran heliotropism agarsiisu

Gaalchifa

Gaalchifni kulkulfannaa biqiloonni ifa aduuf taasisanidha. Walumaagalatti, yeroo baay’ee jirmi isaanii gaalchifa eeyyantaa kan agarsiisan yoo ta’u, hiddi ammoo gaalchifa hi'entaa agarsiisu. Fknf: dameen biqilaa gara ifni aduu jirutti jal'achuun guddachuu.

Gaalcha harkisa lafaa

Innis gosa gaalcha kulkulfannaa bineeldonni fi biqiloonni harkisa dacheef taasisani dha. Jirmi gaalcha harkisa lafaa irratti hi'entaa yoo ta’u hiddi ammoo gaalcha harkisa lafaa irratti eeyyantaa dha. Kunis Gaalcha lafaa jedhamuunis ni waama. Kutaalee biqiltootaa adda addaa keessaa hiddi jalqabaa fi kutaaleen sirna hiddaa biroo murtaa’an kallattiin gara wiirtuu harkisa lafaatti guddachuudhaan gaalcha harkisa lafaa eeyyantaa agarsiisu. Jirmi isaanii wiirtuu harkisa lafaa irraa fagaatanii waan guddataniif gaalcha harkisa lafaa hi'eentaa jedhamanii waamamu. Baaloonni isaanii bakka isaanii kofa sirrii wiirtuu harkisa lafaatiin waan filataniif gaalcha harkisa lafaa qaxxaamuraa dha.

Gaalcha keemikaa

Wantoonni keemikaalaa muraasni jiru, isaanis qaamolee biqiltootaa keessatti sochii golbaa fiduuf itti gaafatamummaa guddaa qabu. Biqiltoonni keemikaalota murtaa’aniif kulkulfanna kennuudhaan yeroo guddatan, gosti kulkulfannaa kun gaalcha keemikaa jedhamuun beekama. Fakkeenyonni sochii gaalcha keemikaa muraasni daraaraa gara firii jijjiiruu, guddina qasammee habaree yeroo walhormaataa akkaataa gadi bu’uu, sochii tentacles Drosera keessatti fi kkf dha.

Gaalcha tuqaati

Sochiin guddachuu ykn guddachuu karaa bkulkulfannaa biqiloonni tuqaatiif qaban Gaalcha tuqaati(thigmotropism) jedhama. Fkn: biqiloonni gara waan itti hirkatanii dhaabachuu danda'anitti guddachuu.

Gaalcha bishaanii

Sochiin ykn guddinni biqiltuu kulkulfannaa biqiloonni bishaaniif taasisan gaalcha bishaanii kan jedhamu yoo ta’u, kulkulfannaa walqixaa rifachisoo bishaanii gaalcha bishaanii jedhama. Gosa sochii kana keessatti hiddi kulkulfannaa gaalcha bishaanii eeyyantaa agarsiisu, akkuma gara bishaanitti socho’anii fi guddatan.

Tags:

Gaalcha GaalchifaGaalcha harkisa lafaaGaalcha keemikaaGaalcha tuqaatiGaalcha bishaaniiGaalchaBiqilaaOrgaanizimiiXiinjiree

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

ArjentiinaaGalaana DiimaaIswiidinIraanJaappaanMalleen DubbiiPilaaneettiiJi'oorjiyaaQananiisaa BaqqalaaDaldalaaOromooInjineriingiiJi'oomeetiriiAbboomaa MitikkuuShaggooyyeeGiiniiWallaggaGaaziiIlfinash QannooDhiigaGrand CanyonTarree Hiibboo OromooOromoo BooranaaLimmuu fi BilbilooHaawmiyaaSpeed of SoundRog-sadeeGodina JimmaaEerisLeonardo da VinciGabbaraMarqaaSirna GadaaAfran QallooSirna FiwudaalaaPaakistaanTarree urjiiwwan TuujaanMaqibsaArkiyooloojiiHiibbooMakkoo BiliiAbaabooX-raysMaaynamaarAbisiiniyaaAmeerikaa KibbaaAkkaataa rifeensa micanuuIstiraatoosfeeriiWangoo 2021Garba Kibba cabbiiOrtodoksiiIlbiisaGudeeddiiMaatiwwan hortee kuushZoodiyaakHeemeespheera lafaaAfrikaa DhihaaGobbaaKubeeJimmaGujiiTanzaaniyaaSheekkoo warra badooBaha AfrikaaOromoo Maccaa🡆 More