Nyaata aadaa Oromoo nyaata ummata Oromoo biratti beekkama ta'ee kan dhaloota keessa darba dhufe.
Nyaatni aadaa ayyana, cidha, qophii fi yeroo adda addaa irratti ni dhiyaata. Nyaanni akka marqaa, ittoo fi qorii Oromiyaa maratti beekkamus, kan naannoo garii qofa keessa beekkamus jira.
Nyaata aadaa Oromoo yeroo hunda nyaatamu fi kan waqtii addaa nyaatamu jira. Nyaata yeroo hunda nyaataman kan jedhaman nyaata ummanni Oromoo gannas ta'ee bona, birraas ta'ee arfaasa nyaatu fi yeroo baayyee mana keessatti kan qophaawuudha. Fakkenyaaf, buddenaa baadudhaan ykn ittoodhan nyaachuu, akaawwii, buddena/maxinoo aannaniin/itittuun nyaachuu fi kkf. Nyaanni akka addaatti nyaatamu nyaata yeroo baayyee hin qophofne fi kan akka addaatti yeroo muraasa qofa qophaawu. Akka fakkeenyaatti, ancooteen nyaata ayyaanarratti nyaatama. Nyaanni akka cuukoo, qorii, gorsoddoma, fi kkf ammo yeroo fira dubbisuuf deeman kan firaaf/nama jaalataniif fuudhanii dhaqani dha. Nyaanni akkasii kun mana keessatti maatin akka nyaatuuf baayyee hin qophaawu.
Nyaannii aadaa Oromoo baayyeensaa dhadhaa of keessaa qaba. Kun immoo Oromoon loon waan sirriitti qabuuf, dhadhaadhaan nyaata isaa miyeessee nyaata.
Nyaata aadaa Oromoo beekkamaan keessaa:
aadaa saba guddaa
Gulaalan Mubarik gidi
Aadaa Oromoo |
Aartii - Afaan |
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Nyaata aadaa Oromoo, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.