Naqamte magaalaa Oromiyaa dhihaatti argamtu keesaa ishee tokkodha.
Magaalaa Naqamte | |||
| |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Godina: | godina Wallagga Bahaa | ||
Aanaa: | [[]] | ||
Ganda: | |||
Ol ka'iinsa: | 2 088 m | ||
Baayyina ummataa: | 110 688 (2012) | ||
Tuuta'insa ummataa: |
Magaalaan Naqamte naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa kessatti argamti. Iddon itti argama ishee ol ka’iinsa lafaa meetira 2,088 kan qabu yoo ta’u latitude fi longitude 905’N 36033E qaba. Naqamte aanaa Guutoo Waayyuu keessatti argamti.
Naqamte magaalaa guddoo Kutaa Bulchiinsaa Wallaggaa kan durii kan turte yoo ta’u amma immoo magaalaa guddoo godina Wallagga Bahaati. Akka lakkoofsa uummata bara 2005 godhame agarsiisutti, uummata 84,506 ta’utu magaalaa kana keessa jiraata. Akka lakkoofsa uummata bara 1994 godhameetti, Naqamte uummata 47, 258 qabdi turte.
Naqamte keessa iddoowwan seenaa kan akka Masaraa Kumsaa Morodaa, awwaala Onesmoos Nasib (Abba Gammachiis), godaamba Wallaggaa fi kkf jira. Dhaabbata gurguddoo Naqamte keessatti argaman keessa tokko Yuunivarsiitii Wallaggaati. Istaadiyeemin sadarkaa isaa eeggate Naqamte keessatti qarshii miliyoona dhibba lamaa ol ta’uun ijaarramaa jira. Istaadiyeemin kun Istaadiyeemii Wallaggaa jedhamee moggaafame. Naqamte nyaata aadaa wallagga keessatti bekkamaa ta’e Ancooteedhan beekkamti. Hoteellonni fi manneen nyaata hedduun nyaata kana keessummoota isaaniif ni dhiyeessu.
Naqamte kan ishiin hundoofte jaarraa 19ffaa gara gidduu keessa. Yeroo san magaala guddoo Mootummaa Wallaggaa turte. Bakaree Godaanaa fi ilmi isaanii Morodaa Bakaree Naqamte magaalaa guddoo Mootummaa Wallagga godhatanii akka turan seenaan ni dubbata. Boodarras, ilmi Morodaa, Kumsaa Morodaa achuma qubatee Wallagga bulchaa akka ture ni dubbatama.
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Naqamte, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.