Bara Jalqabbii Yaada Haaraarenaissance

Bara qaroomman durii keessatti dhalli namaa yaadota haaraa akka dimookiraasii, rippaablikii, seeraafi bulchiinsaa maddisiisuun itti fayyadamaa akka turan kutaa 7ffaatti boqonnaa afraffaa keessatti barattee jirta.

Bifuma walfakkaatuun, dhalli namaa jalqabbi bara haaraatti qaroomman duraan turan dagaagsuun, yaadota haaraa maddisiisuu jalqabe.Yaadni haaraa kunis qaroomman durii irra deebi’un gadi fageenyaan qorachuu, sakatta’uufi xiinxaluu waliin walqabata. Keessattuu qaroomman Giriiko-Roomaa durii gadi fageenyaan qorachuun itti fayyadamuu irratti xiyyeeffata. Haaluma kanaan, xumura jaarraa 14ffaa irraa eegalee, sochiin yaada haaraa biyya Xaaliyaanii keessatti jalqabee, adeemsaan gara biyyoota birootti babal’ate. Walumaagalatti, sochiin kun, warraaqsa ogummoota adda addaa, yaadota saayinsaawaafi kalaqoota hedduu jaarraa 14ffaa irraa hanga jaarraa 16ffaatti raawwataman of jalatti kan hammatudha. Barri sochii yaadota haaraa amaloota gurguddoo hedduu qaba. Isaanis, beekumsa dagaagfachuufi sababa amansiisaatti fayyadamuu ofjalatti qabata. Akkasumas, mirgaafi bilisaan yaada ofii ibsachuu, qo’annoofi qorannoo qaroomman durii irratti taasisuufi gadi fageenyaan yaaduun ofgaafachuu fa’a of keessatti hammata. Dabalataanis, afaan dhalootaa fayyadamuun waan addaa uumuu, barreessuufi waa’ee dhala namaa irratti qo’annoofi qorannoo gadifageenyaan gaggeessuun amaloota isaan gurguddoodha.Haala kanaan, dhallii namaa jiruufi jireenya isaa keessatti dhimmoota hundaaf sababa amansiisaa ta’e dhiyeessuu qaba. Dhimmoonni sababaafi ragaa gahaa hinqabne irra deebi’amanii xiinxalamuu qabu yaada jedhu kan keessummeessudha. Walumaagalatti, baroota Yaadni Haaraa maddan kana keessatti qaroomman Giriiko-Roomaa durii hedduun isaanii irra deebi’amanii qoratamanii jiru. Haaluma kanaan, ogummoota akka halluu dibuufi fakkii kaasuu, ijaarsaafi uumama qaama namaa irratti qorannoon gadifageenyaan gaggeeffameera. Dabalataan, karaa saayinsaawaafi sababa gahaan dhimmoota adda addaa xiinxaluu, yaada bilisaan ibsachuufi barnoota jajjabeessuun dhimmoota bara yaada haaraa keessatti xiyyeeffannoon itti kennamanidha.

Bara Jalqabbii Yaada Haaraarenaissance
Hayyoota Ateese

Tags:

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

Afaan SarbiyaaDiabetesSammuu namaaEshiyaa BahaaSokorruuIqqu'aadorPilaaneettiiAbbaa Jifaar IAncootee (nyaata)Kumsaa MorodaaBaallii wal harkaa fuudhuu Me'ee BokkooUsmaayyoo MusaaGudeeduNaannoo OromiyaaNaannoolee ItoophiyaaQilleensa marsaaAmbo (magaala)OgbarruuAfaan OromooAlii BirraaKuusdeetaaAmeerikaa KibbaaMaqaalee Rabbi (Islaama)WaraqaaAfoolaBakkalchaFixeensaMalleen DubbiiHawussaaAfrikaa Giddu GaleessaaToogooIraaqDaawud IbsaaQorannoo jechoota ijooAbdiisaa AagaaSudaanLiibiyaaFayyisaa LeellisaaWiikiipiidiyaaIttiiqaa TafariiDNASirni GogaaShawaa Kibba LixaaAliyyii CirriiSuwiiz KanaalOromoo TuulamaaMabba Arbaa MinciSeenaa Itoophiyaa SirriiAdda Bilisummaa OromooCellTarree Ciigoo OromooWarrana Adunya 1Afaan arbooreeNaannoo ItoopiyaaDhahaWalqabsiistuuJaarraa Abbaa GadaaRamaddamee(Taxonomy)Daldala garbaaFakkiiIsiraa'elLerransaQananiisaa BaqqalaaHeeraa Mootummaa ItoophiyaaTaaddasaa BirruuKompitaraAanaa FiraankiMozdahir🡆 More