Xinjiree ykn Baayoloojiin saayinsii waa’ee lubbu-qabeeyyii adda addaa qo’atu dha.
Xiinjirituun namoota waa’ee lubbu-qabeeyyii qo’atanii dha. Lubbu-qabeeyyiin micirjirtoonni baay’ee xixiqqoo kanneenakka baakteeriyaa irraa hanga micirjirtoonni baay’eeguddaa kanneen akka weeliitti jiru
Damee Xiinjiree Afaan Ingiliziin | Damee Xiinjiree Afaan Oromoon | Ibsa |
---|---|---|
Anatomy | Hirqaama | Qo'annoo caasaa fi gurmaa’ina micirjirtootaa. |
Biochemistry | Keemistrii lubbuu | Adeemsa keemikaalaa lubbu qabeeyyii keessaa fi isaan waliin walqabatu ni qorata. |
Biogeography | Lafxii jiree | Raabsa sanyiiwwanii fi sirnannoo naannoo teessuma lafaa keessatti qorata. |
Biophysics | Fiiziksii lubbuu | Sirna baayoloojii hubachuuf seera bu’uuraa fiiziksii hojiirra ni oolchuudha. |
Botany | Xiinbiqila ykn bamnooqila | Waa’ee biqiltootaa kan qo’atu dha |
Cytology | Qor-lubbiyyoo | Waa’ee caasaalee fi dalagaalee seelii kan qo’atu dha |
Dermatology | Xiingogaa | qo'annoo gogaa fi dhukkuboota isaa |
Ecology | Xiinaannoo | Hariiroo bineeldonnii fi biqiltoonni naannoo isaanii waliin qaban kan qo’atudha. |
Entomology | Qor-ilbiisa | Waa’ee ilbiisootaa kan qo’atu dha |
Ethology | Qo'annoo amalneefka | Amala bineensotaa naannoo uumamaa keessatti qorata. |
Evolution | Jijjiirama suutawaa | adeemsa sanyiin lubbu-qabeeyyii hundi garee sanyii lubbu-qabeeyyii jalqaba lafarratti uumaman iirraa ka'uun walirraa uumamaa deemanii dha. |
Genetics | Xiindhaala | waa’ee dhaalmayaafi garaagarummaa micirjirtoota gidduu jiru qo’atuu dha |
Hematology | Xiindhiiga | qo'annoo dhibee dhiigaa fi dhiigaa |
Immunology | Qor-madinummaa | Sirna ittisa qaamaa fi deebii inni wantoota alagaa irratti kennu qorata. |
Microbiology | Xiinimii | waa'ee micirjirtoota maaykirooskoopii kanneen akka baakteeriyaa, vaayirasii fi fangasii qorata. |
Neuroscience | Xiinribee | waa'ee Caasaa fi dalagaa sirna ribee ykn aarsituu qorata. |
Ornithology | Xiinallaattii | Waa'ee allaattii qo'ata |
Paleontology | dhakkalxii | |
Parasitology | Qorkankareettii(Xiimmaxxantuu) | Waa'ee micirjirtoota micirjirtii (keessummeessituu) biraa irratti ykn keessa jiraataniifi baasii keessummeessituutiin fayyadamoo ta’an qorata. |
Pharmacology | Xiinqorichaa | dhiibbaa fi mala qorichi sirna baayoloojii irratti qabu qorata. |
Physiology | Xiinqaama | Dalagaa qaama lubbuu qabeeyyii kan qo’atu dha |
Taxonomy | Ramaddamee | Waa’ee ramaddii micirjirtootaa kan qo’atu dha |
Zology | Xiinneefka | Waa’ee bineeldotaa kan qo’atu dha |
{{{Maqaa}}} | |||
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Xiinjiree, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.