Ambo magaalaa Oromiyaa gara dhihaatti aanaa Amboo keessatti argamtu.
Ambo | |||
| |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Godina: | Shawaa Dhihaa | ||
Aanaa: | Ambo (aanaa) | ||
Ganda: | |||
Ol ka'iinsa: | |||
Baayyina ummataa: | 94 342 (2012) | ||
Tuuta'insa ummataa: |
Magaalaan Amboo naannoo Oromiyaa godina Shawaa Dhihaa kessatti argamti. Magaalaan kun Finfinneerra gara dhihaattii Kiilomeetira 125 fagaattee argaamti. Ol ka’iinsi lafaa naannoo Amboo meetira 2101 yeroo ta’u laatiitiyuudii fi loongitiyuudiin ishii 8059’N 37051’E ta'a.
Ambo waan baayyedhaan beekkamti. Kana keessa tokko hora (mineral water) Ambotti. Warshaan hora kanarraa Bishaan Amboo oomishu magaalaa Amboorraa kiilomeetira 5 fagaatee argama. Kan biraa dhagaa mana ijaarsaaf oolu dhagaan Amboos achumatti argama. Manneen naannoo sana baayyeen kan ijaarraman dhagaa Amboo kanaani.
Ambo bishaan oo’aa(hot spring) lafa keessa burqu qabdi. Bishaan oo’aan kun bashannanaafis ta’ee fayyaa ofii eeguuf tajaajila guddaa kenna. Ambo naanno ishiitii iddoowwan turistii harkisan baayye qabdi. Kana keessa Finca’aa Gudar, Fincaa’aa Hulluuqaa, Haroo Wancii, fi kkf kaasuun ni danda’ama.
Ambo keessa Yuunivarsiitii tokkoo, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa lamaa fi manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa baayyetu jira. Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Amboo mannen barnoota gurguddo Oromiyaas ta’e biyyattii kessa jiran keessa tokko.
Akka lakkoofsa uummataa bara 2005tti, magaalaan Ambo uummata 49,421 qabdi. Uummanni magaalaa Amboo Oromummaa kan labsanii fi deeggartoota Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) akka ta’an dubbatama. Kanaafis akka ragaatti kan kaafamu Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Amboo keessatti baratoonni yeroo baayyee mormii mootummaarra qaban ibsaa turuu isaaniiti.
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Ambo (magaala), which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.