Mayyuu Gammoojji qa,ee seena Lafa seena-qabeettii mayyuu!
Gaafa qa'ee gammoojji yaadan buunu sochii qabsoo hidhannoo nu dura dhufaa, qaanqee qabsoo bilisummaa akka hangasuu nutti ifee mul'ataa. nama fi sa'aan warra bu'uura tahee hunda yaadan irraa naanna'uu feena. seenaa qabsoo bilisummaa keessatti qa'ee hunda dursee qabsawoottaa hirirsee, hegeere dhalotaa ammoo Qajeelfama diriiraa godhe sochoosuu jalqabe qubsumaa dabbal duuba kana jechuu dandeenyaa. qaanqee qabsoo bilisummaa achitti biqilee. manguddoon ta'e haasa'uu isaanii waa'ee qabsoo Coollee Anniyyaa, Katabee Mayyuu dubbattuu qunnamtaa. ijoollee isaani ammoo jechoota warraqsattiin muka gubba iyyituu dhaggeysaa, yeroo kanaa hidda qabsoo bilisummaa tahuu qofa hubachuu dandessaa!
Mayyuu qa'ee jajjabaa diina itti kufee fi lafa lafee gootota itti cabxee qofa osoo hin taane warra seenaa beekuu biratti ammallee dhiiga wareegamtoota qabsoo bilisummaatti lafa diimate nutti mul'ataa. wareegaama Ayyaantuu dagaa fi Aneeysoo waaree faa garaa nu yaadata. Magaal
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Seenaa, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.