Google dhaabbata teknoloji idil addunyaa Ameerika kan oomishaa fi tajaajila intarneetiin walqabatu kanneen akka teknoloji beeksisa onlaayni, serch injiin, kilawud komputing, mosaaji fi hardiweer irra bu'uureffateedha.
Amazoon, Appilii fi Maaykirosoft waliin, dhaabbata teknoloji gurguddoo afur keessa tokkotti ilaallama.
Fulbaana 1998 keessa Google kan hundeessan Leeri Peej fi Serjiy Birin Yuuniversiti Stanford Kaalifoorniyaatti barattoota Ph.D turan. Isaan lamaan walitti sheerii gara dhibbentaa 14 kan qabanii fi humna filu abbaa qabeenyaa (stockholder voting power) dhibbentaa 56 karaa suupper vootingiin kan too'ataniidha. Kaaliforniyaa keessatti gaafa Fulbaana 4, 1998 Google akka dhaabbata dhuunfaa Kaaliforniyaatti kan isaan hundeessan.
This article uses material from the Wikipedia Oromoo article Google, which is released under the Creative Commons Attribution-ShareAlike 3.0 license ("CC BY-SA 3.0"); additional terms may apply (view authors). Content is available under CC BY-SA 4.0 unless otherwise noted. Images, videos and audio are available under their respective licenses.
®Wikipedia is a registered trademark of the Wiki Foundation, Inc. Wiki Oromoo (DUHOCTRUNGQUOC.VN) is an independent company and has no affiliation with Wiki Foundation.