Pilaaneetoota

Jechii Planet jedhuu jecha greek planḗtai irraa kan dhufee yoo ta'uu hiiknisaasjooraa jechuudha kana bu'uureffachuuniis jechii planet jedhuu gara afaan oromoottii yoo Hikkamuu Lafjoo jedhama kana jeejuuniis lafa jooraa jechuudha.


Pilaaneetiin ykn lafjoon ykn bakkalleen ykn fakkardiin qaamolee kan urjii tokkotti naanna'anii fi siiqqee isaanii ofiin naannaana'an isaan dandeessisu qabanidha. Fakkeenyaaf, Xurree Aannannoo ykn Ruda gidduu urjii Aduu jedhamtuu fi pilaaneetota saddeet naannoo ishee naanna’an qabdi. Lafjoo qaamman sirna Biiftuu keessatti biiftuu naanna’aniidha. Lajoonnii hundinuu biftuu irraa fageenya adda addaa irra kan jiraniifi orbiitii(Jeema) mataa ofii qabu. Jeemni daandii yaadaa boca killee qabuufi kan lafjooleen irra biiftuu naanna’aniidha. Jeema pilaanetootaa hunduu walirra hinbu’an. Biiftuun humna harkisaa qabduun lafjoolee gara ofiitti harkifti. Humni harkisa biiftuu kun humna gara keessaa yookaan humna seentiriipetaalii jedhama. Humni faallaa kanaa ta’ee lafjooleen harkisa walirraa qaban kun immoo humna gara alaa yookiin humna seentiriifugaalii jedhama. Humnoonni kunniin lamaan humnoota walqixaafi faallaa walii yommuu ta’an lafjooleen akka orbiitii isaanii osoo gadi hindhiisin biiftuu naanna’an gargaara. Lafjooleen ifa mataa isaanii hin qaban. Garuu ifa biiftuu irraa argatan calaqqisiisuu danda’u. Lafjoolee keessaa Veenusii (bakkalcha) malee kan hafan ijaan urjiilee biroo irraa gargar baasuun arguun rakkisaadha. Bakkalcha ganamaafi galgala ijaan ilaallee urjiilee biraa irraa adda baasuun nidanda’ama. Pilaanetootaafi urjiilee gargar baasanii beekuuf meeshaa teleeskooppii jedhamutti fayyadaman.

Pilaaneetoota
Juupitaar, lafjoo guddaa gaazii fi lafjoo guddaa sirna aduu keessatti beekamtu.

Lafjoo Cuggee (dwarf planets)

Pilaaneetoota 
Fakkiin Eris, pilaaneetii xiqqaa beekamaa ta'e agarsiisa.

yeroo ammaatti Lafjoo xixiqqoo jalatti ramadamanii kan beekaman shaniidha. Isaanis; seerees, puluutoo, haawmiyaa, makmakeefi eeris jedhamuun waamamu. Seerees kan argamu gidduu maarsii fi juuppitariitti sabbata astirooyidii(Qaam-caccaboo) keessatti yoo ta’u, kan hafan afran immoo neeptuuniin boodatti aduurraa fagaatanii argamu. Wantoon tokko lafjoolee xixiqqoo jedhamuuf ulaagaan waldaa astiroonoomii addunyaa kaahe guutuu qabu. Ulaagaaleen kunniin;

• Aduurra naanna’uu qabu,

• Hanga boca isaanii murteessuu danda’u kan qaban,

• Jeema mataa ofii murtaa’aa ta’e kan hin qabneefi

• Addeessota kan hin ta’iniidha.

Seerees

Diyaameetiriin ishee 950km.Teempireecharri dirra seerees -105o C

Pilaaneetii diwaarfii aduutti hiiqxee argamtuudha.

• Addeessa hin qabdu.

• Altokko aduurra naanna’uuf waggoota 4.6 itti fudhata.

• Lafjoo xixiqqaa yeroo jalqabaaf Doonii hawaa keessa adeemuun daawwatamteedha. • Seerees sakondii tokkotti hanga ishee keessaa 6kg sababa hurkaatiin dhabdi. • Hanga sabbata astirooyidii keessaa tokko sadaffaa gumaachiti.

Tags:

🔥 Trending searches on Wiki Oromoo:

Dirree maagneetiiBasaAfaan OromooAAfrikaa cirachuuBeeljiyeemWaldaa kiristaanaaGiingisuuAayislaandiDhaha BooranaaInjineriingiiTapha ijoolleeMadagaskaarDenzel WashingtonShawaa Kibba LixaaNaqamteMaatiwwan hortee kuushTarkiiAmantiiYerooPiroteestaantiiLaaksembargiOromoo MaccaaBunaPilaasmaaYuuraanisSeena jireenyaaGaambiyaaMatimaAgargooSagilaalaAmeerikaasAbbabaa BiqilaaMangistuu HayilamaaraamNooleeKaappitaalizimiiDurduubeeSanbataNaannoolee ItoophiyaaDagaaJaldu (aanaa)FurrifamaaSaavaanaaSibiilaTarree pirezidaantota IraaqGeerarsaAbrahaam LiinkenQaamu daalachaDaraartuu TulluuTishuuLeesoottooDonawaaQeensanqabduuQeerransaJaariftinaNaayilFeesbuukiiAgarii TulluuSaalaaOg-barruuItoophiyaaJoordaanDoonaaldi TiraampiDinagdeeUjummoo dhiigaaIsiraa'elDeenmaarkLibaanonOdaa🡆 More